Paartiin Badhaadhinaa hojiilee hawaasa fayyadamoo tssaisu mirkaneesseera - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa hojiilee hawaasa fayyadamoo tssaisu mirkaneesseera
Caamsaa 16 /2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiiwwan ummata fayyadamoo ta’an raawwachuun bu’aa qabatamaa galmeessisuu isaa Afyaa’iin Caffee Naannoo Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahman ibsaniiru.
Sagantaan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa “Itiyoophiyaa gara Biyya fakkeenyaatti” jedhu magaalaa Shaggar keessatti bakka deeggartoonni baay’inaan argamanitti gaggeeffameera.
Ganama irraa eegalee jiraattonni magaalichaa fi deeggartoonni paartichaa istaadiyeemii Lagaxaafootti argamuun deeggarsa dhaabichaaf qaban ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti Af-yaa’iin Caffee Naannoo Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahman, Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa fi hoggantoonni olaanoo paartilee biroo argamaniiru.
Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Afyaa’iin Caffee Naannoo Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahman, Paartiin Badhaadhinaa imala biyya ijaaruu fi misoomsuu itti fufeera jedhan.
Pirojektoonni hedduun damee hawaasummaa fi diinagdee qulqullinaa fi saffisaan qajeelchuudhaan sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf qophaa’uu, hojiin ummata fayyadamoo taasise raawwatamuu eeraniiru.
Paartichi waadaa galee fi hojiiwwan misoomaa eegale galmaan gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru, bu’aan isaas qabatamaan mul’achaa jira jedhan.
Hojiilee fayyadamummaa hunda galeessa ummataa naannichaa mirkaneessan raawwatamuusaa ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Shggar Dr. Tashoomaa Addunyaa gamasaaniitiin waggoota sadan darbanitti magaalaa Shaggar keessatti magaalaa ammayyaa ijaaruuf hojjetamaa akka ture himaniiru.
Ijaarsa bu’uuraalee daandii, hospitaalotaa fi manneen barnootaatiin jijjiiramni hawaasummaa guddaan galmaa’uu ibsaniiru.
Karoora qonnaa fi diinagdee akka biyyaatti bocame sadarkaa magaalaatti milkaa’inaan hojiirra oolchuuf kan dandeessise ta’uus himaniiru.
Hojiin kun yaadaan badhaadhina fiduu qofa osoo hin taane qabatamaan bu’aa bal’aa galmeessiseera jedhani.