Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu - Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibirat - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu - Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibirat
Bitootessa 3/2018(ENA): Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Eegsisuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu akka qaban Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Misitira Muummee, Ministir Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibirat hubachiisan.
Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa konfiraansii biyyaalessaa mata duree “Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaaf”jedhuun qopheesse Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Misitira Muummee Ministir Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibirat wayita sana akka ibsanitti, Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Eegsisuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu jedhaniiru.
Mootummaan Ida’amuu Jijjiirama biyyaalessaa booda,tokkummaa sab- daneessummaa mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Seenessa Waloo ijaaruun duudhaalee waloo dagaagsuunii fi badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Miidiyaaleen ijaarsa biyyaalessaaf qooda guddaa qabaachuusaanii eeruun, bu’uuruma Kanaan faayidaa biyyaa fi ummataa eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Yaadamni Itiyoophiyaa misoomsuun kan mootummaa qofa osoo hin taane gahee qaama hundumaa ta’uu eeruun, ijaarsa Mootummaa Itiyoophiyaatiif hunduu shoorasaa bahuu qaba jedhaniiru.
Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haymaanot Zallaqaa gamasaaniin, Miidiyaaleen Odeeffannoo Wayitaawaa fi sirrii dhiheessuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa qabaachuusaanii ibsaniiru.
Faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruurratti, miidiyaaleen qooda olaanaa qabaachuusaanii eeruun, jijjiirama biyyaalessaa asitti, riifoormii Mootummaan taasiseen dirreen Miidiyaalee bal’achuu dubbataniiru.
Qaamoleen miidiyaa hawaasummaarratti bobba’ani odeeffannoo dhugaa hawaasaa dhaqqabsiisuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban dubbataniiru.
Saganticharratti walitti qabdoonni koree dhaabbii Mana maree bakka bu’oota uummataa adda addaa , hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi hoggantoonni Miidiyaalee adda addaa argamaniiru.