Itiyoophiyaan sagantaashee huma nuukilaaraa ulaagaa fi qajeelfama ejensii Atoomiik Inarjii idil addunyaa waliin wal simsiisuun hojiirra ni oolchiti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan sagantaashee huma nuukilaaraa ulaagaa fi qajeelfama ejensii Atoomiik Inarjii idil addunyaa waliin wal simsiisuun hojiirra ni oolchiti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Sadaasa 30/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan sagantaashee huma nuukilaaraa ulaagaa fi qajeelfama ejensii Atoomiik Inarjii idil addunyaa waliin wal simsiisuun hojiirra akka oolchitu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa itti aanaa daarektara olaanaa atoomiik inarjii idil addunyaa fi hoogganaa dippaartimantii nuukilaar inarjii Dr. Mekaa’eel Chudaakoov waliin har’a mari’ataniiru.
Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin itti aanaa daarektara olaanaa kana waliin dhimmoota tarsiimawaa tumsa cimsanirratti marii bu’a qabeessa taasifamuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan human fi teekinooloojii nuukilaaraa nagaa inarjii qulqulluuf, fayyaaf, qonnaaf, Industirii fi ga’ooma qorannoof fayyadamuuf fedhii cimaa akka qabdu dubbataniiru.
Kanaaf ammo sagantaa human nuukilaaraa dhiheenya eegaluushee fi komishinii human nuukilaaraahundeessuun ifatti hojiitti galamuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan sagantaashee human nuukilaaraa ulaagaa fi qajeelfama ejensii atoomiik inarjii idil addunyaa waliin wal simsiisuun hojiirra akka oolchitu mirkaneessaniiru.
Ejensiin atoomiik inarjii idil addunyaa fayyadamummaa tarsiimawaa human nuukilaaraa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf imala eegalte dhugoomsuuf deeggarsa hunda galeessa akka godhu itti aanaan daarektara olaanaa kun akka ibsaniif itti aanaan ministira muummee ibsaniiru.