Inisheetiiviin misooma Qamadii naannoo Oromiyaa fayyadama dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Inisheetiiviin misooma Qamadii naannoo Oromiyaa fayyadama dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jira
Sadaasa 30/2018 (TOI)- Inisheetiiviin misooma Qamadii naannoo Oromiyaa fayyadama dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuun ibsame.
Hoggantoonni olaanoo mootummaa naannichaa bakka argamanitti misoomni Qamadii jallisii bonee godina Iluu Abbaa Boor aanaa Bureetti eegalameera.
Paartii badhaadhinaatti hogganaan damee siyaasaa naannichaa obbo Namarraa Bulii, misoomni Qamadii damee qonnaatiin wabii nyaataa fi fayyadama dinagdee mirkaneessuurra darbee dhimma birmadummaa biyyaa itti fufsiisudha.
Kanaaf naannichatti yeroo fi qabeenya bishaanii sirnaan fayyadamuun omishtummaa guddisuuf yoomiyyuu caalaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan naannichaas rooba eegguun qofaa oomishuu jalaa bahee waggaatti al lamaa fi sanaa ol oomishuun fayyadamaa akka ta’u deeggarsa galtee fi teeknooloojii walitti fufiinsaan dhiheessaa akka jiru ibsaniiru.
Hogganaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, naannichatti misooma Qamadii boneetiin lafa heektaara miiliyoona 4 misoomsuuf karoorfamee hojiitti galameera.
Lafa karoorfame waliigalaa keessaa lafti heektaara miiliyoona 2 tuqaa 5 qophiin oyiruu xumuramee kana keessaa heektaarri miiliyoona 1 tuqaa 8 facaafamuu ibsaniiru.
Godina Iluu Abbaa Booraatti baatii bonaa lafa heektaara kuma 120 irra Qamadiin misoomaa akka jiru kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafariidha.
Hojii Kanaan oomishtummaa dabaluuf galteen dhihaachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoota aanaa Bureetti Qamadii oomishan keessaa jiraataan ganda Tolii Cekkaa Mahaammad Asras fi obbo Rattaa Kabbadaa akka jedhanitti, waldaan gurmaa’uun lafa heektaara 35 irratti jallisii boneen Qamadii misoomsaa akka jiran dubbataniiru.
Misooma Kanaan bu’a qabeessa ta’uuf waloomaan hojjechuun maallaqa fi humnasaanii qindeessuusaanii eeraniiru.