Naannichatti qonna ammayyeessuuf hojii hojjetameen bu’aaleen wabii nyaataa mirkaneesuuf gargaaran galmaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti qonna ammayyeessuuf hojii hojjetameen bu’aaleen wabii nyaataa mirkaneesuuf gargaaran galmaa’aniiru
Sadaasa 30/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti qonna ammayyeessuuf hojii hojjetameen bu’aaleen wabii nyaataa mirkaneesuuf gargaaran galmaa’uunsaanii itti aanaan pirezidaantii naannichaa Awwaluu Abdii ibsan.
Obbo Awwaluu Abdii qamadii naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Dabra Libaanositti kilaastaraan qonna gannaan misoome walitti qabsiisuu eegalchiisaniiru.
Wayita kana dubbii dubbataniin naannichatti maashinaroota qonnaa ammayyaa fayyadamuun hojii hojjetameen omishaa fi omishtummaa guddisuurratti bu’aan guddaan argamuusaa ibsaniiru.
Haala Kanaan gargaaramuu jalaa ba’uun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf dame qonnaatiin guddinni tarkaanfataan galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru.
Waggaatti al lama qamadii oomishuun aadaa ta’aa dhufuusaa eeranii, bu’aaleen wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaran argamuusaanii dubbataniiru.
Hojii qonnaa misooma qamadii jallisii bonee baranaatiin kan waggoota darbanii caalaa omisha guddaa argachuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnan bulaan qamadii jallisii bonee kilaastaraa fi jallisiin misoomsuun bu’a qabeessa ta’uusaanii dubbataniiru.
Walumaa gala cehumsa baadiyyaa si’achiisuun jireenya qonnaan bulaa jijjiiruuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.