Tamsaasa Kallatti:

Paartiin Dimokiraatawaa Simirat Tigiraay (smrt) paartii naannoo ta’uun waraqaa ragaa fudhate 

Sadaasa 30/2018(TOI)-Boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa Paartii Simirat  Tigiraayii (SMRT)’f waraqaa ragaa paartii naannoo kenneera.

Boordichi bu’uura Aangoo labsiin kennameefiin Paartii Simiratiif waraqaa ragaa seera qabeessa Paartii siyaasaa  sadaasa 29 bara 2018  kennuu beeksiseera. 

Paartiin Dimokiraatawaa Tigiraay Simirat (smrt) yaa’ii  hundeeffamasaa Onkoloolessa 14 bara 2014 Magaalaa Finfinneetti gaggeessuunsaa ni yaadatama. 

Pirezidaantiin Paartichaa Geetaachoo Raddaa Haasaa baninsa yaa’ichaarratti taasisaniin, Partichi ummanni Tigiraay dhiibbaa ABUT isa irraan gahaa jiru karaa nagaan qabsa’uuf kan hundeffame ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015