Naannoo Harariitti hojii nagaa fi tasgabbii cimsuun itti fufa – Itti Aantuu Bulchaa Roozaa Umar - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti hojii nagaa fi tasgabbii cimsuun itti fufa – Itti Aantuu Bulchaa Roozaa Umar
Sadaasa 30/03/2018(TOI)- Naannoo Harariitti hojii nagaa fi tasgabbii cimsuu ittifufa jechuun Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar dubbatan.
Gidduu gala leenjii Ajaja Bahaa qaamolee nageenyaa Naannoo Hararii leenjii fudhachaa turan har’a eebbifamaniiru.
Itti Aantuun Bulchaa Naannichaa Roozaa Umar sirna eebbaa sanarratti argamuun akka jedhanitti, naannichatti nagaa fi tasgabbii cimsuurratti hojiin bu’aa qabeessi raawwatameera.
Kanaafis qaamoleen nageenyaa ummataa fi gurmaa’insootni nageenyaa hojii qindoominaan hojjetan qooda olaanaa gumaachuu dubbataniiru.
Misoomaa fi guddina caalaatti dagaagsuu hojiiwwan eegalaman cimanii akka itti fufan Aadde Roozaan ibsaniiru.
Raayyaa ittisa biyyaatti Ajajni Bahaa birmadummaa biyyaa fi nageenya uummataa eeguuf ergamasaa ciminaan bahaa jira jechuun Itti Aanaan Iizzii Bahaa Mejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee ibsaniiru.
Keessumaa Iizzichi qaxanichatti tasgabbii fi misooma dabalatee dameelee hundaan hojiin raawwatan bu’aa argamsiisaa jira jedhaniiru.
Iizzichi hojii hojjechaa jiru gara fuulduraattis cimsee akka ittifufu mirkaneessaniiru.
Raayyaa Ittisa biyyaatti Iizziin Bahaa qaamolee nageenyaa naaannichaaf leenjii kennuun deeggarsa taassisaniif Itti Gaafatamaan Biiroo Nagaa fi Tasgabbii Naannichaa Obbo Toofiiq Mahaammad galateeffataniiru.
Saganticharratti Qondaaltonni Olaanoon waraanaa Raayyaa ittisa biyyaa Ajaja Bahaa Somaalee, Hoggantoonni Olaanoon Naannoo Hrarii fi keessummoonni biroon argamaniiru.