Tamsaasa Kallatti:

Qabeenya uumamaa dilbii godinichaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera

Sadaasa 30/2018(TOI)- Qabeenya uumamaa dilbii naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalamuu bulchiinsi godinichaa beeksise.

Bakkeewwan turizimii dilbii bakka garagaraatti argaman misoomsuun hojiirra oolchuun dameen turizimii dadammaqaa dhufuun ni beekama.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree “guddina dameelee ija mootummaa ida’amuutiin” jedhuun hoggantoota olaanoo paartii badhaadhinaaf leenjii wayita kennan”turizimii hambaarraa gara cireetti haa jijjiirru, hambaan waan jiruuf qofa turistiin dhufe hin ilaalu, baasii baasuuf baasii baasuuf tajaajila madaalu barbaada, caalaa misoomsuutu eegama” jedhanii ture.

Ministirri muummee waltajjii Kanarratti bakki turizimii sadarkaa godinaatti tokko jiraachuu akka qabu kallattii kan kaa’an yoo ta’u hundi dandeettii turizimii dilbii naannawasaa jiru adda baasee misoomsuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Bulchaan godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo dhimma kanarratti TOI waliin turtii taasisaniin, hawattoota turizimii godinichatti turizimiif oolan adda baasuun misoomsuun eegalameera jedhaniiru.

Godinichi haroo Basaqaa, qooqaa fi Baatuu dabalatee haroowwan biroo kan qabu ta’uu dubbatanii, haroowwanitti marsee akkasumas naannawa haroowwaniitti hojiin misoomaa eegalamaniiru jedhan.

Keessumaa haroo Qooqaarratti bu’ura misoomaa diriirsuu fi ijaarsi dhaabbilee tajaajila kennanii raawwatamaa kan jiran yoo ta’u kanaanis namoota hedduuf carraa hojii uumuusaa himaniiru.

Harookana bakka turizimii mijataa gochuuf hojiileen ijoo xumuramanii tajaajila kennuu eegaluu eeranii haroowwan biroorrattis itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015