Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaarraa bunni toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaateera

Sadaasa 30/2018(TOI)- Godina Jimmaarraa amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggate qophaa’e toonii kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Hogganaan waajjira qonnaa godina Jimmaa obbo Tiijaanii Tamaam akka ibsanitti, bara kana buna walitti qabamu keessaa toonii kuma 126 kan dhiqamee fi hin dhiqamne gabaa jiddu galeessaaf dhiheessuuf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Buna gabaaf dhihaatu keessaa tooniin kuma 52 kan dhiqamee fi kan hafe kan hin dhiqamne ta’uu eeranii, yeroo ammaa oomisha walitti qabuun cinaatti buna qulqulluu qopheessuu fi gabaaf dhiheessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Amma ammaatti bunni qulqullinasaa eeggatee qophaa’e tooniin kuma 10 gabaa jiddugaleessaaf dhihaachuu beeksisaniiru.

Godinichatti Industiriiwwan xqqaan 523 buna diimaa fi gogaa muluqsanii fi soranii qulqulleessan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru.

Godinichi qonnaan bultoota buna oomishan, daldaltootaa fi buna kan qiqindeessaniif qulqullina bunaarratti leenjii kennaa turuusaa beeksisaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichaa buna oomishan gamasaaniin, Buna qulqullinaan akka walitti qaban dubbataniiru.

Godinichatti qonnaan bulaan jiraataa aanaa Geeraa Sulxaan Abbaa Walii, bunni madda galiisaanii isa ijoo ta’uu ibsanii, yeroon kun yeroo bunni itti walitti qabamudha jedhaniiru.

Lafa heektaara walakkaarraa buna diimate walitti qabaa akka jiran dubbataniiru.

Qonnaan bulaan Keeruu Qaasima, lafa heektaara 2 irraa buna diimaa walitti qabaa akka jiran beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015