Tamsaasa Kallatti:

Hojiin Misooma koriidaraa fi Eegumsa HambaaMagaalaa Harariitti hojjetaman turtii Tuuristootaa dheeressaa jiru

Sadaasa 30/03/2018(TOI)-Hojiin Misooma koriidaraa fi Eegumsa Hambaa Magaalaa Harariitti hojjetaman turtii Tuuristootaa dheeressuurratti qooda qabaachuusaanii Biiroon Aadaa, hambaa fi tuurizimii naannichaa ibse.

Bakkeewwan gahumsa Tuuristootaa biyyittii jiran keessaa Harar kan eeramtu yoo taatu bakkeewwan hawwata Turistii kana daawwattoonni biyya keessaa fi Alaa Daawwachaa jiru.


 

Keessumaa jijiiramaa booda Harariin Miidhagduu fi hawwattuu kan taassisan misoomni koriidaraa, Eegumsa fi kunuunsi Hambaa akkasumas kanneen biroon turtii daawwattootaa dheeressan hojjetamaniiru.


 

Kanaanis bakeewwan seenaa qabeessi, bakkeewwan hawwata Amantaa fi Misoomni Koriidaraa Magaalichatti Hojjetaman baay’ina daawwattoota biyya keessaa fi biyya Alaa dabalaa jira.

Biiroon Aadaa fi eegumsa Hambaa Naannichaatti Daaraktarri Tuurizimii Obbo Saamii Abdul Waasii TOI’f akka ibsanitti mootummaa jijjiiramaan naannichatti bakkeewwan hawata Tuuristii babal’isuun, hambaa eeguunii fi kanneen biroon hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru.


 

Kanaanis hojiwwan hojjetamaniin mmaan dura hambaalee rakkoo keessa turan oolchuun danda’amuu dubbataniiru.

Ammaan dura yeroon turtii Tuuristootaa muraasa kan ture ta’uu kan eeran Obbo Saamiin, Misooma Koriidaraa fi Hambaa Idil-Addunyaa Jagol keessatti haaromsa gaggeeffameen yeroon turtii daawwattootaa dheerachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbilee Tuuristiif tajaajila kennan Ammayyeessuuf deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoteela dabalatee bakka keessummoonni itti boqotan Mana Aadaa shan (gasti hawosoota)Tuuristootaaf tajaajila guddaa kennaa jiraachuusaanii fi mana Aadaa Hararii dabalataa hojjechuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Kanaanis lakkoofsa Tuuristootaa Harariin daawwatan kan bara darbee yeroo kanaa waliin yoo madaalamu guddina dhibbantaa 20 argisiisuu fi keessumaa naannichaa fi bakkeewwan gahumsa daaawwattootaa haala addaan beeksisuun cimee itti fufuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015