Tamsaasa Kallatti:

Akkaataa Vaayirasii Maarbargi ittiin ofirraa ittisuun danda’amu

Ergaawwan ofeeggannoo qama dhimmi ilallatuun darban sirnaan hojiirra ooluun Vaayirasii Maarbargirraa ofeeguun akka barbaachisu gorsaan olaanaa ministira fayyaa Dr. Aschaaloo Warquu TOT’f ibsaniiru.

Ofeeggannoowwan armaan gaditti tarreeffaman sirnaan hojiirra oolchuun tamsaasa Vaayirasichaa akkasumas Vaayirasichaan qabamuu dhabuu jalaa bahuun akka danda’amu hubachiisaniiru.

Vaayirasiin Maarbargii attamiin nama mudata?

• Dhukkubni Vaayirasii Marbargi sababa Vaayirasiitiin mudata.

Attamiin namatti darba?

• Irra caalaa dhangala’aa qama nama vaayirasichaan dhukkubsate keessaa bahuun akkasumas tuttuqaa qaamaatiin nama dhibeen kun jirurraa nama fayyaatti ni darba.

Vaayirasii Marbargi attamiin ofirraa ittisuun danda’ama?

• Qaamaan wal tuquu dhiisuun,

• Qulqullina harkaa eeguu(bishaanii fi saamunaan dhiqachuu ykn Saaniitaayizariitti fayyadamuu),

• Qulqullina harka ofii osoo hin eeggatiin kutaalee qaamaa garagaraa tuttuquurraa of qusachuu,

• Namni dhukkubni itti dhaga’ame namoota biro fi maatiirraa adda baafamuun hatattamaan dhaabbata fayyaa dhihootti argamu dhaquu

• Tuttuqaarraa of qusachuun dhukkubni akka daddarbu wantoota taasisanirraa fagaachuu,

• Bakka namni itti baay’atu kanneen akka geejjibaa, bakkeewwan amantaa fi hojii qaamaan osoo wal hintuqiin tajaajila kennuu fi argachuu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015