Misoomni Kooriidaraa magaalaa Roobee jiraattotaa fi tuuristootaaf mijattuu gochaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Kooriidaraa magaalaa Roobee jiraattotaa fi tuuristootaaf mijattuu gochaa jira
Sadaasa 28/2018 (TOI)- Misoomni Kooriidaraa naannoo Oromiyaa magaalaa Roobeetti hojjetamaa jiru jiraattota magaalattii fi tuuristootaaf caalaa mijattuu gochaa jiraachuun ibsame.
Hojii gaggeessaan mana qopheessaa magaalaa Roobee Eliyaas Huseen turtii TOI waliin taasisaniin, wiirtuu dinagdee fi tuuristii kan taate magaalaa Roobee caalaatti miidhagduu fi mijattuu gochuuf hojjetamaa jiara.
Hojii gama Kanaan hojjetamaa jiran keessaa misoomni kooriidaraa tokko ta’uu eeraniiru.
Magaalaa Roobeetti misooma kooriidaraa km. 7 tuqaa 65 hojjechuuf karoorfame keessaa amma ammaatti km. 5 tuqaa 56 xumuramuu mirkaneessaniiru.
Kan hafe yeroo gabaabaatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Hojiin misooma kooriidaraa kun daandii bishkileetii fi lafoo dabalatee faawunteenotaa fi addababayoota akka qabu dubbataniiru.
Misooma kooriidaraan wal qabatee namoota 400 caalaniif carraan hojii uumamuu dubbataniiru.