Tamsaasa Kallatti:

Ija Mootummaa Ida’amuutiin cehumsa baadiyaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan Imaammataa bu’a qabeessi fudhatamaa jiru -Ministeera Qonnaa

Sadaasa 23/2018(TOI )–Ija Mootummaa Ida’amuutiin cehumsa baadiyaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan Imaammataa bu’a qabeessi fudhatamaa jiraachuu De’eetaan Ministira Qonnaa Dr.Mallasaa Mokonnon ibsan.

Mariin paanaalii Inistitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa mata duree "Tiraansifoormeeshinii Baadiyyaa ceesisuuf dhiibbaa bu'a qabeessaa fi dameelee hedduu guddisuu" jedhuun qopheesse magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.


 

De’eetaan Ministira Qonnaa Dr.Mallasaa Mokonnon wayita kan akka ibsanitti , mootummaan cehumsa baadiyaa saffisuusuun jireenya Qonnaan Bulaa fi Horsiisee bulaa fooyyessuuf hojjechaa jira.

Ija Mootummaa Ida’amuutiin tiraanisfoormeeshinii baadiyaa Mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Jireenya kutaa hawaasa baadiyaa fooyyessuunis guddinaa fi misooma hirmaachisaa mirkaneesuu, akkasumas omishaa fi omishtummaa caalaatti dabaluuwaan ta’eef, tiraanisfoormeeshinii Qonnaa saffisiisuuf dursi kennameefii jira jedhan.

Daarektarri olaanaan Inistitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonna Itiyoophiyaa Dr.Mandafiroo Nugusee gamasaaniin, Itiyoophiyaan Qonna Kilaastaraa babal’isuun tiraanisfoormeeshinii Baadiyaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti jedhaniiru.


 

Omisha qonnaa gabaarratti xiyyeeffatan baay’inaa fi qulqullinan omishuun hojmaatawwan qonnaan bulaa fayyadamoo taasisan hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru.

Immaammanni tiraanisfoormeeshinii baadiyaa Itiyoophiyaan wagga 10 bu’aa qabeessa akka ta’u hirmaannaan qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.


 

Waltajjicharratti hoggantoonii hojii mootummaa, Imaammata baastonni, qorattoonnii fi ogeeyyiin damee qonnaa akkasumas deeggartoonni misoomaa kan argaman yoo ta’u, muuxannoon idil- Addunyaa Cehumsa baadiyaarratti xiyyeeffate akka dhihaatan akkasumas Itiyoophiyaatti cehumumsa baadiyaa fiduuf carraawwanii jiranii fi qoraatawwan mudatan irratti qooda fudhattootni marii gaggeessu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015