Jiraattonni Magaalaa Amboo Qonna magaalaan fayyadamoo ta’aa jiru - ENA Afaan Oromoo
Jiraattonni Magaalaa Amboo Qonna magaalaan fayyadamoo ta’aa jiru
Sadaasa23/2018(TOI )–Jiraattonni Magaalaa Amboo Qonna magaalaarratti bobba’an nyaatarra darbuun fayyadamummaan Diinagdeesaanii guddachaa dhufuu dubbataniiru.
Jiraattonni Magaala Amboo Qonna magaalaan hojii misooma kuduraa fi muduraarratti bobba’an misoomichaan nyaata madaalawaa maatiisaaniif dhiheessuurra darbee galii dabalataa argachuun fayyadamummaan diinagdeesaanii guddachuu dubbataniiru.
Namoota hojicharratti bobba’an keessaa Qonnaan bulaa Zarihuun Ayaalqibbat Yaada TOI’f kennaniin akka ibsanitti, lafa xiqqaa qabanirratti Timaatimii Misoomsuun nyaata maatiisaaniirra darbee gabaaf dhiheessuun galii dabalataa argataniiru.
kuduraa gabaaf dhiheessanii gurguranirraa qusachuun sa’a Aannanii bitachuusaanii dubbataniiru.
Bu’aa misooma kuduraa yeroo yeroon ilaaluun yeroo ammaa hojicha babal’isuun qullubbii diimaa fi kuduraa fi muduraa biroo misoomsuusaanii dubbataniiru.
Qonnaan bulaa biroon misooma magaalaarratti bobba’an Obbo Zagayyee Akkawaaq gamasaaniin misooma kuduraa osoo hin eegaliin dura baay’ee fayyadamoo akka hin turre ibsaniiru.
Deeggarsa ogeeyysa Qonnaarraa argatan fayyadamuun Qonna Magaalaarratti bobba’uun sirna sooratasaanii fooyyessuu fi galiisaanii guddisuuf hojjechaa jiru.
Kanaanis Dinnichaa fi qullubbii Adii misoomsuun fayyadamummaansaanii guddachaa dhufuu dubbataniiru.
Bakka bu’aan Itti gaafatamaa wajjira Qonnaa Magaalaa Amboo Obbo Taakkalaa Kumsaa akka jedhanitti, magaala Ambootti qaama sagantaa Maaddii guutuu kan ta’e Misoomni kuduraa fi muduraa wabii nyaataa fi caarraa hojii uumuuf deeggaraa jira.
Magaalichatti misooma jallisii Boneen lafa hektaara 95 Kuduraa fi muduraa misoomsuuf karoorfame keessaa yeroo ammaa lafti hektaarri 36 kuduraa fi muduraan facaafamuu dubbataniiru.
Jiraattonni magaalichaa sagantaa maaddii guutuurratti hirmaachuun kuduraa fi muduraa misoomsuun nyaata madaalawaa argatanii galiisaanii akka guddifataniif deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.