Tamsaasa Kallatti:

Waldaan hojjettoota Itiyoophiyaa dandeettii hojjettootaa dagaagsuun guddina Omishtummaa biyyoolessaaf qoodasaa bahuu qaba

Sadaasa 23/2018(TOI )–Konfedereeshiniin waldaa hojjettoota Itiyoophiyaa dandeettii hojjettootaa cimsuun guddina omishtummaa biyyoolessaaf qoodasaa akka bahu sadarkaa itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan giddugala qiddeessaa sirna dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adama Faaraah ibsan.

Waltajjiin konfedereeshinii waldaa hojjettootaa Idil-Addunyaa magaala Finfinneetti gaggeeffamaa jira.


 

Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddugala qiddeessaa jaarsa sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adama Faaraah wayita kana akka jedhanitti, walitti bu’insa Addunyaa, gaaga’ama Dinagdee, jijiirama haala qilleensaa fi gufannaa teekinooloojii haala naannoo hojiirratti dhiibbaa geessisaa jiru.

Kanaanis haala Addunyaa jijiiramaa keessatti dhaqqabamummaa barnootaa fi teekinooloojii bal’isuun fi baay’ina Invastimantii haaraan fayyadamummaa carraa hojii lammiilee guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.


 

Itiyoophiyaatti jijiirama biyyoolessaa booda xiyyeeffannoon ijaarsa dhaabbileef kennaman fayyadamumma hunda galeessa lammiilee guddisuun bu’aa galmeesisaa akka jirtu hubachiisaniiru.

Keesumaa dandeettii misooma cimsuunii fi haala mijataa hojii uumuun dubartootaa fi dargaggoota hedduu gahoomsuun fayyadamoo carraa hojii ta’uusaanii ibsaniiru.

Gudiina Dinagdee Itiyoophiyaa fi mirga hojjettootaa bobbii hojii mirga hojjettootaa kan eegsisu haalli mijataan akka uumamu dandeessisuu hubachiisaniiru.

Waldaan hojjettoota Itiyoophiyaa milkaa’ina hojii riifoormii mootummaaf deeggaraa cimaa ta’uun itti fufuusaanii kaasaniiru.

Fuuldurattis kalaqa jajjabeessuu fi ijaarsa humna namaa gahoome cimsuun humna omishtummaa biyyoolessaa guddisuurratti qoodasaanii akka gumaachani cimsuun hubachiisaniiru.


 

Hariiroon Mootummaa, Konfedereshinoota hojjettaa fi waldaan hojjechiisaa wal-amanuun, iftoominaa fi hirmaannaa waloorratti kan bu’uureffame ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan kabajaa fi mirga hojjettootaa eeguun bu’uura waliigaltee Addunyaan hojii fi hoj-maata foyya’aaf cimsitee hojjecha jiraachuu obbo Adam Faaraah dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015