Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen qulqullina dhaabbilee fayyaa fooyyessuu fi tajaajila fooyya'aa kennuu dandeessisan hojjetamaa jiru - Dr. Maqdas Dhaabaa

Sadaasa 23/2018(T0I)- Hojiileen qulqullina dhaabbilee fayyaa fooyyessuu fi tajaajila fooyya'aa kennuu dandeessisan hojjetamaa jiraachuu Ministirri Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa himan.

Ministiroota dabalatee, hoggantoonni olaanoo naannoo fi godinaa pirojektoota misoomaa adda addaa naannoo Amaaraa godina Addaa Oromoo Magaalaa Kamiseetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru.

Daawwannaa kanarratti Ministirri Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uura misoomaa aadde Chaaltuu Saanii, Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa fi Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo Tigisti Hamid, akkasumas hoggantoonni olaanoo naannichaa fi godinichaa argamaniiru.

Ministirri Fayyaa doktaar Maqdas Dhaabaa akka jedhanitti, hojiileen qulqullina dhaabbilee fayyaa fooyysuu fi tajaajila fooyya’aa kennuu dandeessisan hedduun hojjetamaa jiru.

Daawwannaa kanaanis dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajila fooyya’aa hawaasaaf kennuudhaaf sadarkaa hundatti hojiiwwan hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa akka jiran hubachiisaniiru.

Misoomni koriidaraas miidhagina magaalotaaf qofa osoo hin taanee fayyaa hawaasaafis bu’aa olaanaa buusaa jiraachuu dubbataniiru.

Naannoo Amaaraatti Bulchaan Bulchiinsa godina addaa Oromoo obbo Ahimad Alii akka jedhanitti, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa jiraattota magaalaa Kamisee fayyadamoo taasisu godinicha keessatti hojjetamaa jira.

Pirojektoota mana jireenyaa namoota harka qalleeyyiif hawaasaan ijaaraman, misooma koriidarii, babal’ina Hospitaala Waliigalaa Kamisee fi pirojektoota misoomaa biroo daawwachaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015