Tamsaasa Kallatti:

Guyyichi kabajamuun Hariiroon keenya akka cimu taassisaa jira

Sadaasa 23/2018(TOI )–Guyyaan sabaa, Sab-lammootaa fi ummattootaa kabajamuun akka wal beeknuu fi tokkummaan keenya akka cimu taasisaa jira jechuun manguddoonni Magaalaa Adaamaa dubbatan.

Manguddoo biyyaa Mangistuu Abaataa akka jedhanitti, guyyaan sabaa, sab-lammootaa fi ummattootaa waggaa waggaan kabajamu tokkummaa fi walii galtee biyyoolessaa caalaatti kan dagaagsudha.

Guyyichi saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni Aadaa, duudhaa fi safuu qaban Addabaabayiitti baasuunii fi ibsuun waloon kan kabajan waan ta’eef hariiroo fi tokkummaa keenya kan cimsudha jedhaniiru.

Guyyichi seenessa addaan qoqoodu hanbisuun dhimmoonni waloo keenya akka guddatani kan taasisu ta’uu eeruun ibsituuwwan aadaa hawaasaa akka beekamanii fi dhaloota dhufuuf akka darbaniif dandeessisa jedhaniiru.

Gara fuulduratti karoorri misoomaa gurguddoon mootummaan eegale galmaan akka gahaniif nageenya naannichaa eegsisuuf hawaasa hirmaachisuun qoodasanii akka bahan ibsaniiru.

Dabalataaniis Jaarsi biyyaa Haajii Rashiid Mahaammad gama saaniin, guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa tokkummaan biyyoolessaa akka dagaagu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanichi duudhaan waloomaa akka cimuuf haala mijataa uumurra darbee walbeekumsaa fi hariiroon sabaa fi sablammootaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015