Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Innisheetivoota Qonnaa adda addaa bocamanii hojiitti seenaman bu’aa gaarii argamsiissaa jiru

Sadaasa 23/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa keessatti haala teessuma lafaafi haala qilleensaa mijata jirutti fayyadamuun uummata fayyadama taasisuuf innisheetivoonni misooma qonnaa adda addaa bocamanii hojiitti seenamanii bu’aa olaanaa galmeessisaa jiru.

Innisheetivoota haaraa bocaman kanneen keessaa misooma baala shayee,avokaadoo,paappaayyaa,qamadii jallisii bonaafi muuziin isaan tokk dha.

Godinni Harargee Bahaa innisheetivoota misooma qonnaa bahan kanneen hojiirra oolchan keessaa tokkodha.

Bulchituun godinichaa aadde Miskii Mohaammad Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, oomishni muuzii oomishaalee Inisheetiivii Harargee Bahaatiin hojiirra oolaa jiran keessaa tokko ta’uu eeruun, jijjiirama guddaa fidaas jira.

Inisheetiiviin misooma muuzii bara 2011 aanaalee jaha keessatti eegalame yeroo ammaa aanaalee 20 keessatti kilaastaraan misoomaa jira jedhan.


 

Dabalataan, godinichatti avokaadoo,burtukaanaa fi kuduraraafi muduraan adda addaa oomishamaa jiraachuu eeraniiru. Kana malees misoomni Maaddii Guutuus hojiirra oolaa jiraachuu himaniiru.

Misooma kanarratti hirmaachaa kan jiran dargaggoonniifi qonnaan bultoonni diinagdee isaanii guddifachaa jiraachuu himaniiru.


 

Oomishni Muuzii godinicharra darbee hawaasa naannoo sanaa fayyadaa jiraachuu eerameera. Gabaan Muuzii Dirree Dhawaa, Hararii fi Jigjigaa dabalatee gabaa alaa Jibuutiifi biyyoota olla birootti dhiyaachaa jiraachuu himaniiru. Misooma muuzii kanas kanaan olitti babal’isuuf hojiin ciminaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Godinichatti misooma muuziin kan beekaman keessaa tokko aanaa Gursumidha. aanaa kana keessaa immoo gandi Haroo Baatee muuzii oomishuun kan beekamtu keessaa ishee tokkodha. Dura taa’aa ganda Haroo Baatee kan ta’an obbo Nuwaay Taayyee akka jedhanitti misoomni muuzii lafa heektaara 6.5 irratti misoomsuun eegalame amma hektaara 26.5tti babal’atee kilaastaraan misoomfamaa jira.


 

Gandichatti misoomni muuzii kilaastaraan oomishamaa jiru muuzii sanyii fooyya’aa waan ta’eef oomisha gaarii kenna; kanaaf sanyiin muuzii kanaa qonnan bultoota hedduu bira akka gahuuf hojiin babal’isuu cimee itti fufeera jedhan.

Inisheetiviin misooma muuzii fi avokaadoo aanicha keessatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu kan himanimmoo aanaa Gursumitti dursaa garee misooma bunaa fi muduraa obbo Sooressaa Nugusaa dha.

Aanichatti qonnaan bultoonni kuma 1 fi 472 muuzii kilaastaraan oomishaa jiraachuu eeruun, misooma muuzii kana irraas fayyadamoo ta’aa jiraachuu eeraniiru. Bu’aan muuzii kilaastaraan oomishuu kuni faayidaa olaanaa waan qabuuf sanyii isaa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.


 

Qonnaan bulaa ganda Haroo Baatee kan ta’an obbo Kadiir Abdullaahii muuzii kisaataraan oomishaa faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu himaniiru. Lafti yeroo ammaa muuzii irratti oomishan kanaan dura lafa duwwaa ture ta’uus himaniiru.

Bara darbe hojii oomisha muuzii irraa galii birrii miiliyoona 2 akka argate kan himu dargaggeessi qonnaan bulaa kun, bara kana muuzaa bara darbee caalaa oomishuu kan himu, galii dachaa sadii argachuuf kan isa dandeessisu misoomsuu isaa himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015