Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan haala kamiinuu mirga abbummaa ulaa galaanaa mataashee mulqamuu hin qabdu

Sadaasa 23/2018(TOI)- Itiyoophiyaan haala kamiiniyyuu mirga abbummaa ulaa galaanaa mataashee dhorkamuu akka hin qabne ibsame.

Itiyoophiyaan Galaana Diimaa irraa adda bahuu hin dandeessu, seeraan, teessuma lafaatiin, seenaanis yoo ta’e;  kanaaf mirga abbummaa isheen ulaa galaanaa irratti qabdu dhimma lubbuuti;dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.

Kanaafuu dhimmi mirga abbummaa ulaa galaanaa gaaffii dhaloota ammaati waan ta’eef deebii argachuu qaba.

Dura taa’aa Paartii Adda Bilisummaa Affaar obbo Hanfiree Aliimiraah dhimma abbummaa ulaa galaanaa irratti TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, ummanni Itiyoophiyaa Galaana Diimaatti dhiyoo osoo jiruu, karaan ittiin ba’u dhabamuun dalleeffamuun isaa guutummaatti kan hin mallee fi haqa kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf Itiyoophiyaan haala kamiinuu mirga abbummaa Galaana Diimaa murqamuu akka hin dandeenye himuun,mirga abbummaa ulaa galaanaa argachuun dirqama ta’uu eeraniiru.

 Itiyoophiyaan waggoottan 30 darban mirga abbummaa ulaa galaanaa kan qabdu turte,karaan mirgi abbummaashee irraa mulqamtes shiraan kan guutame, seeraanis seenaanis fudhatama kan hin qabne ta’uu eeruun, gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa hatattamaan deebii sirrii argachuu akka qabu dubbatani.

Gaaffii dhimma dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa irratti dhaloonni kamiyyuu  waliin dhaabbachuu akka qabu eeruun,gaaffiin kuni deebii gahaa argachuu akka qabuufi isaanis milkaa’ina isaaf akka waliin hojjetan mirkaneessaniiru.

Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa bu’uura seenaa fi seeraa akka qabu ni beekama; akkasumas dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uun isaas ifa dha; kanaaf dantaa biyyoolessaa waan ta’eef,  karaa nagaa, faayidaa waloo eegeenii fi seeraan akka galma ga’uuf mootummaan hojjechaa jira.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015