Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiilee baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 raawwatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiilee baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 raawwatan
Sadaasa 23/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 hojiilee ijoo biyyaalessaa fi idil addunyaa raawwataniiru.
Yaa’ii hooggantoota garee 20 jalqabaaf ardii Afriikaa keessatt qopheessummaa Afriikaa Kibbaatiin gaggeeffamerratti hirmaachuun milkaa’ina dippilomaasii olaanaa argamsiisaniiru.
Pirojektii misooma jallisii fi misooma tuurizimii ilaalchisee
Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad naannoo Amaaraa magaalaa Gondar wayita daawwatan pirojektii misooma jallisii Magac gamaaggamaniiru. Pirojektichi lafa heektaara 870 irratti kan argamu yoo ta’u, jallisiidhaan lafa heektaara 17000 nimisoomsa jehameetu eegama.
Daawwannaa magaalaa Gondariin itti fufuun giifti duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoota mootummaa waliin ta’uun Mooraa Faasiil haaromfame eebbisaniiru.
Kanneen daawwattootaaf mijatan baay’ee fooyya’aniiru. Wiirtuun tuuristii haaraanis banameera. Maneen qulqullinaa ammayyaa, sirnoonni ibsaa fi nageenyaa fooyya’aan qophaa’aniiru. Masaraan mootii Faasiil, mootii Yohaannis,mootii Iyyaasuu akkasumas riqichoonni, bakkeen dhiqannaa, ulaawwan seena qabeessikkf ofeeggannoon haaromfamaniiru. Dabalataanis naannawichatti Iskuweer Meetirii 40,000ol miidhagfameera.Hojiin haaromsaa kun wagga tokkoo gaditti kan xumuramedha.
Kana malees ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Doonii Xaanaanesh 2 kan al tokkotti namoota 180 imalchiisuu danda’u Gorgoraatti hojii eegalchiisaniiru.
Daawwannaa magaalaa Bahaar Daaritti taasisaniin Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaar Daarii fi magaalatti dame turizimii mijataa gochuu hojii hojjetamaa jiran ilaalaniiru. Istaadiyeemoon nama kuma 52 qabatu kun akkaataa ulaagaa Kaaf kaa’een fooyya’aa akka jiru fi teessoo maxxansuu fi marga uwwisuun xumuramuu ilaalaniiru.
Dabalataanis Ikoo riizoortii Gorgoraa bu’uureffachuun Bahaar Daar qarqara haroo Xaanaatti ijaaramaa kan jiru Riizoortii Falaga Giyoon daawwataniiru.
Gama biraatiin kabajamoo ministirri muummee mootummaa naannoo Amaaraatti teesssoo bulchiinsa godina sablammii Oromoo kan taate magaalaa Kamisee daawwataniiru. Hojiin misooma Kooriidarii jalqabbiirra jiraatus daandiin bishkileetii km. 1.3 fi daandiin lafoo gaarii ta’uu ulaalaniiru.
Dabalataanis warshaa misooma qonnaa qindaa’aa agiroo industirii Elfooraa hojii maaddii guutuuf magaalattiitti gumaacha guddaa taasisa jiru daawwataniiru.
Tarkaanfii Itiyoophiyaa gama hubannoo Namtolcheen(AI)
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad waajjira muummee hubannoo namtolchee bakka dyra turerraa jijjiirame daawwataniiru. Dhaabbatichi wagga shan keessatti gama fayyaa, qonnaa, damee tajaajilaan hojii adda durummaa bahachaa kan jiru yoo ta’u, Kilaawud kompiiyutingi, kuusaa odeeffannoo gurguddoo,odeeffannoo sakatta’uu, Roobootiiksii fi Immarsiiv teeknooloojiin dandeettiisaa gabbifachaa jira jedhaniiru. Wiirtuun Istaarti aappii hubannoo nam tolchee lammiileen yaada qofa qabatanii dhufuun Pirootoo taayippii uumuuf, baay’isuuf akkasumas invastaroota dame dhuunfaa waliin akka walitti dhufan carraa ni’uuma kan jedhan ministirri muummee, amma ammaatti kanneen yaada maddisiisan 200 carraa kanatti fayyadamuusaanii eeraniiru.
Manni maree ministirootaa Baatiidhuma kana keessa walgahii idilee 50ffaa gaggeesseen tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti bal’inaan mari’atee guyyaa mana marichaan raggaafamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
Yaa’ii hooggantoota miseensota miseensota garee 20 irratti
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yaa’ii hoggantoota biyyoota garee 20 qopheessummaa Afriikaa Kibbaan gaggeeffamerratti hojiiwwan dippilomaasii gamlamee fi gama hedduu faayidaa tarsiimawaa Itiyoophiyaa cimsan milkeessaniiru. Ministirri muummee jala bulti yaa’iitti pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru. Akkasumas daarektara olaanaa IMF Kiriistaaliinaa Ji’oorjiyeevaa, Pirezidaandii baankii misooma Afriikaa haaraa Dr. Siidii Uldi waliin mari’ataniiru.
Dabalataanis hoggantoota biyyoota garagaraa waliin dhimmoota gamlamee fi tumsa tarsiimawaarratti mari’ataniiru. Mootii Abuudaabii Pirezidaantii Turkiyyee, Pirezidaantii Fiinlaandi, Pirezidaantii Faransaayii fi Chaansilariin Jarman kan eeramanidha. Ministira muummee Noorweeyi akkasumas hoggantoota Hindi Veetinaam, Kooriyaa Kibbaa fi Awustiraliyaa waliin mari’ataniiru. Ministira muummee Yunayitid Kingidam,, pirezidaantii Biraazil, ministira muummee Nezerland, ministira muummee Xaaliyaanii fi itti aanaa pirezidaantii Indooneezhiyaa waliin mari’ataniiru.
Yaa’ichaan cinaatti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez mari’ataniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan qopheessitu ta’uusaatiin deeggarsa godhamuu qaburratti mari’ataniiru. Pirezidaantii mana maree gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa waliin marii gaggeessaniiru. Akkasumas pirezidaantii kaaf Dr. Oaatriis Motsiipii fi pirezidaantii baankii addunyaa Ajeeyi Baangaa waliin mari’ataniiru.
Marii dippilomaasii hoggantoota Maaleezhiyaa fi Siingaapoor waliin taasifame
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baatii Sadaasaa keessa ministira muummee federeeshinii Maaleezyiyaa Daatoo Serii Anwaar Biin Ibraahim fi ministira muummee Siingaapoor Lawurensi Wongi Masaraa biyyaalessaatti simataniiru.
Itiyoophiyaan GOP32 akka qopheessitu filatamuushee
COP32 ministira dhimma alaa Itiyoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos pirezidaantii gochuun ramaduu hordofee bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad argamanitti walgahiin koree biyyaalessaa hojiilee qophii ijoo ta’an qindeessuu dandeessisan taasifameera.
Walumaa gala Ministirri muummee Abiyyi Baatii Onkoloolessaa fi Sadaasaa bara 2018 pirojektoota misooma jallisii, hojiilee misooma Turizimii fi hojiilee hubannoo namtolchee si’achiisuuf akkasumas biyyattii gama dippilomaasiin olkaasuuf hooggansi kennan bu’aadhaan kan dabaalame ture. Xumura baatii Sadaasaa ajajaa IzziiAfriikaa Yuunaayitid Isteetis Jeneraal Dagviin Arri emmi(R.M) Andarsan waliin wal arguun dhimmoota nageenya Riijiniiratti mari’ataniiru.