Tamsaasa Kallatti:

Manni maree ministirootaa walgahii idilee gaggeesseen murtoo garagaraa dabarse

Sadaasa 20/2018(TOI)-Manni maree ministirootaa walgahii idilee 50ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarseera.

Murtoo walgahii idilee mana maree ministirootaa 50ffaa

Manni maree ministirootaa walgahii idilee 50ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarseera.


 

1. Manni Marichaa jalqaba Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti mari’ateera. Tarsiimoon kun lammiileef carraalee haaraa uumuu, dandeettii teeknooloojii guddisuu fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, bulchiinsa gaarii dagaagsuu, guddina diinagdee saffisiisuuf hojiileen eegalaman irra caalaa fooyyessuun milkeessuuf kan akeekedha. Manni Marichaa Tarsiimoo kana irratti marii bal’aa erga taasisee booda guyyaa raggaasifame irraa eegalee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesseeera.

2. Itti aansuunis Manni Marichaa waliigalteewwan gargaarsa maallaqaa lama Waldaa Misooma Idil-addunyaa waliin mallattaa’an irratti mari’ateera. Inni jalqabaa waliigaltee liqii SDR 294,900,000 Sagantaa Ce’umsa Annisaa Itti Fufiinsa Qabuu fi Qulqulluu hojiirra oolchuuf kan oolu yoo ta’u, yeroo eeggannaa waggaa 6 dabalatee waggoota 38 keessatti xumurama. Inni lammataa immoo waliigaltee liqii SDR dabalataa 20,000,000 kan hojiirra oolmaa Pirojektoota tiraanisfoormeeshinii ogummaa baha Afrikaa fi hojiirra oolmaa piroojektoota walitti makaminsa riijinii Baha Afrikaa yoo ta’u, yeroo eeggannaa waggaa 6 dabalatee waggoota 31 keessatti xumurama. Liqiin lamaanuu dhala irraa bilisa kan ta’an yoo ta’u, kaffaltii tajaajilaa %0.75 qabu. Manni Marichaas waliigalteewwan liqii gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darban murteessee, tarsiimoo bulchiinsa liqaa biyya keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu isaas ibseera.

3. Itti aansuunis Manni Marichaa wixinee dambiiwwan lama irratti kaffaltiin tajaajilaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi Tiyaatira Biyyoolessaa Itiyoophiyaan tajaajila adda addaa kennaniif kaffaltii kaffalamuu qabu murteessuuf qophaa’e irratti mari’ateera. Dhaabbileen baasii isaanii uwwisuu fi galii isaanii guddisuun tajaajila qulqullina qabu kennuu fi itti quufinsa maamilaa dabaluu waan qabaniif, safartuun kaffaltii tajaajilaa haala dandeettii maamilaa tilmaama keessa galchuun qophaa’ee dhiyaateera. Manni marichaa wixinee dambiiwwan irratti bal’inaan erga mari’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarii Federaalaa irratti maxxanfamee kaasee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesseera.

4. Itti fufuun manni marichi kan mari’ate Walii galtee gam-lamee Afur irrattidha.

Inni jalqabaa Mootummaa Rippaabilikii ummata Chaayinaa waliin dhimmoota yakkaarratti tumsu seera waloo gochuuf kan ta’edha.

Walii galteewwan biroon mootummaa Rippaabilika uummata Chaayinaa fi Mootummaa Federaala Rippaabilikaa Biraazil waliin kanneen murtiin itti murtaa’e dabarsanii kennuuf kan taassifamedha.

Inni biroon walii galtee dabarsanii kennuu Mootummaa Rippaabilikii Afriikaa Kibbaa waliin taassifamedha.

Manni marichi walii galtichi yoo ragga’e Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin hammattoo seeraa hojii yakka ittisuu bu’aa qabeessa tumsa gamlamee uumuuf kan ishee dandeessisu ta’uu hubachuun wixineen labsii kun bakka bu’oota uummataatti akka gaggeeffamu sagalee guutuun murteesseera.

Inni biroon manni marichi Ajandaawwan marii’ate wixinee labsi mallattoo melektiroonikiiti.

5.Mallattoo elektiroonikii labsii lakk.1072 /2010 guutummaa gutuutti hojiirra oolchuuf sirnoota barbaachisan labsichaa fi bu’uura labsii mallattoo elektiroonikii foyya’e lak.1358/2017 iftoominaa fi itti gaafatamummaa haala qabaateen hojiirra oolchuuf haala dandeessisuun labsiin qophaa’e dhihateera.

Manni marichi labsicharratti gadi fageenyaan erga mrii’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarita Federaalaan maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutun raggaaseera.

6. Dhumarratti manni marichi kan marii’ate mana maree ministeerotaa Immigireeshinii labsii lakk. 114/1997 fooyyessuuf labsii dhihaate irratti.

Dhaabbatichi hojii fi itti gaafatamummaa labsiitiin kennameefii bahuuf akka dandeessisuuf labsiin bahee qophaa’ee dhihaateera.

Manni marichi labsicharratti gad-fageenyaan erga marii’atee booda Gaazexaa Nagaarita Federaalaan guyyaa maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015