Tamsaasa Kallatti:

Misoomni bakkeewwan hawata turizimii Baalee baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera

Sadaasa 04/2018(TOI)-Hojiinmisooma bakkeewwan hawata turizimii Baaleetti hojjetamanii fi iddoo sana beeksisuun baay’inni turistootaa akka dabalu taasiseera jedhe waajjirri turizimii Baalee.

Hawaasni kenniinsa tajaajila turistootaa irratti hojjetanis fayyadamoo ta’aa jirachuun himameera.


 

Waajjirichatti itti gaafatamaan garee misoomaa fi babal’ina turizimii obbo Shibbiruu Abdoo Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, bakkeewwan hawata turizimii misoomsuu fi beeksisuun diinagdee damichaa guddisuuf hojiin cimaan hojjetamaa jira.

Hojiin akkanaa hojjetamuunsaas baay’inni turistoota biyya keessaa fi biyya alaa akka dabalu kan taasise yoo ta’u, bara baajataa kurmaana jalqabaatti turistoonni kuma 16 fi 217 bakkeewwan hawwata turizimii Baalee daawwataniiru jedhan.


 

Bakkeewwan hawwata turizimii daawwataman bara bajataa wal fakkaataa kan bara darbee waliin walbira qabamee gaafa ilaalamu dhibbantaa 15niin dabaleera jedhan.

Misoomni bakkeewwan hawwata turizimii naannichaa galii argamsiisuun dabalatatti aadaa hawaasa naannoo sanaa beeksisuun shoora olaanaa bahataa jira jedhameera.


 

Kana malees hawaasa naannichaaf carraa hojii uumuun galii dabalataa akka argatan taasisuu ibsameera.

Akka fakkeenyaatti bara bajataa jalqabaa kanatti turistoota naannicha daawwatan irraa galiin birrii miliyoona 25 ol walitti qabameera.

Dabaluu baay’ina turistootaaf akka fakkeenyaatti kan eeraman kaka’umsa Ministera Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahmadiin naannichi miidhagfamuu fi akkasumas paarkiin biyyaalessaa Baalee jiraachuusaa dabalataanis paarkiin gaarreen Baalee hambaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbilee barnootaa,saayinsiifi aadaa (UNESCO)tti galmaa’uunsaa bakkichi akka beekamu taasiseera jedhan.

Dhaabbilee tajaajila turistiif kennan keessaa tokko kan ta’an mana uffata aadaa Tulluu Hambalat magaalaa Roobeetti kan argamu keessa kan hojjetan aadde Maariyeemaa Kadiir akka jedhanitti, turistoota biyya keessaafi biyya alaa magaalaa Roobeefi naannacha daawwatanitti uffata aadaa akka gurguran himaniiru.

Aadde Maariyeemaan uffata aadaa dizaayinii babbareedaafi qulqullina qabuun dhiyeessuun isaaniimmoo milkaa’ina isaaniif shoora olaanaa bahachuu ibsaniiru.


 

Paarkii Biyyalessa Baalee keessatti tajaajila kenniinsa daawwannaafi qajeelfama agarsiisa daandii kan kennu hogganaan Waldaa Ikkoo Tuurizimii Waaliyaa Jaafar Mohaammad akka jedhanitti, paarkicha misoomsuuf hojii hojjetameen yaa’insi turistootaa dabalaa dhufuu himaniiru.


 

Galiin miseensota waldichaas dabaluu jkan jiru yoo ta’u, miseensonni waldichaas hojiilee garagaraa irratti bobba’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kaan fardeen kireessuun,gariin immoo turistoota daandii agarsiisuun galii argachaa jiruu jedhan obbo Jaafar Mohaammad.

Bakkeewwan hawwata turizimii Baalee Paarkii Biyyoolessaa gaarreen Baalee kan Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)n hambaa addunyaa ta’ee galmaa’e dabalatee hawwata turizimii miidhagoo namtolcheefi uumamaa biroo kan

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015