Qabsoon siyaasaa karaa nagaa isa sirriidha - ENA Afaan Oromoo
Qabsoon siyaasaa karaa nagaa isa sirriidha
Sadaasa 5/2018(TOI)- Itiyoophiyaatti qabsoon siyaasaa karaa naagaa uummata biratti fudhatama kan argamsiisuu fi biyya fuulduraatti tarkaanfachiisu daandii filmaata biroo hin qabne ta’uu paartiileen siyaasaa morkattootaa ibsan.
Humnaan angoo gonfachuuf qabsoon taassifamu hammattoo seeraa kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi yakkaan kan nama gaafachiisu ta’uu ibsa.
Seenaa Itiyoophiyaa duriin ilaalchi Aangoos ta’e fedhii siyaasaa daandii dimokiraatawaan, mariin, furuurra filannoo humnaan raawwachiisuu dedeebi’anii raawwatamaa akka turan galmeewwan seeenaa argisiisu.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kitaabasaanii mootummaa Ida’amuu fuula 330rratti fedhiin humaa yoo hin qajeelle hunduu dhuunfachuu akka barbaadu kaasu.
Kunis gabaa siyaasaa irratti jeequmsa uuma, Yaa’insii fi madaalliin humnaas ni jeeqama.
Burjaajjiin sirna ni jeeqa.
Danbaliin humna kanaa eenyuunuu balleessuu akka danda’u ilaaluun hanga rakkisutti jeequmsa akka uumu kaasaniiru.
Kitaaba Mootummaa Ida’amuu fuula 388 irratti Itiyoophiyaa har’aa keessatti gabaan yaadaa Aadaa akka ta’u hojjetamaa jira.
Kanaafis mootummaan karaalee sadii hordofaa jira: marii biyyoolessaa, Marii paartiilee siyaasaa fi waltajjiiwwan uummataati.
Paartiileen Morkattootaa TOI waliin turtii taassisanis gareen faayidaa ummataa fi guddina biyyaaf dhimmina ejjennoo jedhu qabu kamiyyuu kaayyoosaa daandii nagaan milkeessuun alatti filannoo hin qabu jedhaniiru.
Mootummaan balbala qabsoo karaa nagaa banaa yeroo godhetti qabsoo daandii nagaan alatti filannoo biroon akka hin jirre kaasu.
Hogganaa olaanaan Adda bilisummaa Oromoo (ABO) Qajeelaa Mardaasaa akka jedhanitti, mootummaan gareewwan fedhiisaanii humnaan galma gahuuf barbaadan gara nagaatti dhufanii waliin akka hojjetaniif deddeebi’uun waamicha taassisaa jira.
Humnoonni hedduun waamicha kana fudhatanii dhufanis ammayyuu filannoo nagaa dhiisuun duubatti kan jedhan jiraachuusaanii kaasaniiru.
Itti Aanaan dura taa’aa Paartii Dimokiraatawaa Hibir Itiyoophiyaa Abarraa Baqqalaa , Itiyoophiyaatti humnaan fedhii guuttachuuf yaaluun yeroonsaa darbeera jedhaniiru.
Gareen yookiin paartiileen siyaasaa kamiyyuu kaayyoo siyaasaa barbaadu milkeessuuf nagaan ala filannoon biroon fudhatama hinqabu jedhaniiru.
Paartii dimokiraatawaa Boorootti itti gaafatamaan sab-quunnamtii Idil-Addunyaa Dr. Mabiraatuu Alamuu gamasaaniin, nageenya biyyaa mirkaneessuuf qaama tokkoof kan dhiifamu akka hin taane kaasu.
Humnoonni hidhatan gaaffii qabna jedhan gara mariitti akka fidaniif waamichi deddeebi’ee taassifamaa turuu kaasuun, kanaafis filannoowwan marii biyyoolessaa dhihaachuu ibsaniiru.
Akka ibsa yaada paartiilee morkattootaatti, kaayyoon Qabsoo karaa nagaa tokko Ajandaawwan ummataa fi biyyaaf fayyadan bocuu fi injifannoo yaadaan mootummaan akka fudhatu dirqisiisuudha.
Naannoolee tokko tokkotti fedhii siyaasaa isaanii humnaan milkeessuuf paartiileen morkattootaa hidhatanis ta’e gareewwan biroon gara qabsoo nagaatti akka deebi’aniif waamicha dhiheessaniiru.