Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan sabootaa sablammootaa fi ummattootaa tokkummaa sab-dabeessummaa cimsuun obbolummaan akka gabbatu taasisa

Sadaasa 5/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa sablammootaa fi ummattootaa tokkummaa sab-dabeessummaa cimsuun obbolummaan akka gabbatu taasisaa akka jiru af-yaa’iin mana maree naannoo Affaar Asiiyaa Kamaal dubbatan.

Af-yaa’iin mana maree naannoo Affaar Asiiyaa Kamaal TOI’f akka ibsanitti, ayyaanni guyyaa saboota sab-lammootaa fi ummattootaa 20ffaan sadarkaa naannoo Affaaritti Sadaasa 8 amma 19 bara 2018tti taateewwan garagaraan gaggeeffama.

Ayyaanichi tokkummaan sab-aneessummaa cimsuun obbolummaan akka cimu deeggarsa guddaa qabaachuu ibsan af-yaa’iin kun.

Ayyaanni baranaa “walii galteen demokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaf” jedhuun akka kabajamu ibsaniiru.

Ayyaanni kun taateewwan garagaraa fi hojiilee misoomaa garagaraan akka kabajamuu fi mareen paanaaliis akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Sagantaa xumuraa ayyaanichaarratti sadarkaa naannootti godinaalee ollaa waliin ta’uun kan kabajamu ta’uu adde Asiyaan beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015