Tamsaasa Kallatti:

Riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa dhaabbileen of danda’anii fi abbummaan akka bulchan carraa uumeera

Sadaasa 05/2018 (TOI)- Riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa dhaabbileen of danda’anii fi abbummaan akka bulchan carraa uumeera jedhan Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufaarihaat Kaamil.

Ministeerri Hojii fi Ogummaa waltajjii muuxannoo waljijjiirraa pablik sarvisii fi riifoormii bulchiinsaa gaggeessaa jira.

Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufarihaat Kamiil akka jedhanitti, riifoormii pablik sarvisii fi bulchiinsaa hojiirra oolchuuf dhaabbilee filataman keessaa tokko Ministeera Hojii fi Ogummaa dha.

Waltajjicharratti itti gaafatamtuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaay Phaawuloosii fi hoggantoonni olaanoo mootummaa akkasumas qooda fudhattoonni argamaniiru.

Waltajjichis tajaajilawwan fi bulchiinsa gaarii dhaabbileen galmeessan muuxannoowwan gaggaariin kan waljijjiiramu; akkasumas hojiileen xiyyeeffannoo barbaadanimmoo kallattiin kan itti kaahamu ta’uu ibsaniiru.

Hawaasa keenya tajaajiluun akka carraa gaariitti ilaalamuu qaba kan jedhan miniteerri hojii fi ogummaa Mufirihaat Kaamiil, riifoormii bulchiinsaa fi tajaajilaa hojiirra oolchuuf filatamuun immoo carroomuudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaa fi dhaabbileeshee gaggeessuun carraa kenname seeraan itti fayyadamuun milkaa’ina hundagaleessaaf shoora keenya bahachuu qabnaa jedhaniiru.

Riifoormiin kolleejota qonnaa fi inistiitiyuutiiwwan sadii dhaabbilee ministeera hojii fi ogummaa jala jiran irratti hojjetaman dhaabbilee kaanirrattis bu’aa milkaa’aa fidaa jiraachuu himaniiru.

Riifoormiin tajaajilli kenniinsa hojii mootummaa fi bulchiinsaa rakkoolee hundeen furuuf kan gargaaru ta’uu fi akasumas misoomaa fi guddina Itiyoophiyaaf shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti waggoota dheeraa kan lakkoofsise riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa muuxannoo gaarii waljijjiiruun qulqullina hojiifis milkaa’ina gaarii fiduu dandaheera jedhan.

Riifoormiin kenniinsa tajaajila hojii mootummaa fi bulchiinsaa dhaabbileen of danda’anii fi abbummaan akka bulchan carraa uumeeras jedhan Ministirri hojii fi ogummaa Mufirihaat Kamiil.

Riifoormiin kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa waan hin danda’amne jedhamu dhabamsiisuun akka dandahamu hojiin agarsiiseera jedhan. 

Warreen xiyyeeffannoon kennamanii fi hojjetamaa jiranis ogummaa, nageenya industirii, carraa hojii fi ijaarsa dhaabbilee ta’uu ibsaniiru.

Riifoormichis hojiilee kalaqaa babal’isuu fi naannoo ofii misoomsuu waliin kan wal qabatu akka ta’es ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015