Naannoo Harariitti Manneen Barnootaa Baadiyaa fi magaalaa idileen duraa fi sadarkaa1ffaa keessatti sagantaan nyaata barattootaa eegalame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti Manneen Barnootaa Baadiyaa fi magaalaa idileen duraa fi sadarkaa1ffaa keessatti sagantaan nyaata barattootaa eegalame
Sadaasa 5/2018(TOI)- Naannoo Harariitti Manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa keessatti sagantaan nyaata barattootaa eegalameera.
Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii saganticha guyyaa har’aa ifatti eegalchiisaniiru.
Bulchjaan kun sagantaa jalqabisiisaa kanarratti haasaa taassisaniin, naannichatti hojiiwwan misoomaa namaratti xiyyeeffatan cimanii itti fufuusaanii ibsuun, Sagantaan Nyaata Barattootaa Manneen Barnootaa agarsiistuu sirrii ta’uu eeraniiru.
Sagantaa Kanaan manneen barnootaa idileen duraa 67 fi sadarkaa 1ffaa magaalaa fi baadiyaa keessatti sagantaan kun eegaluu ibsuuun, yeroo ammaa barattoonni kuma 40 fayyadamoo akka ta’an ibsaniiru.
Nyaatni barattootaa harcaatii Barattootaa kan hir’isu akkasumas hordoffii barnootaa barattootaa kan guddisu ta’uu dubbataniiru.
Haata’u malee sagantaa soorata Barattootaa hojiin babal’isuu fi cimsuu xiyyeeffannoo argachuu ibsaniiru.
Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannichaa Obbo Geetuu Nagawoo, bara barnootichaatti sagantaa nyaata barattootaa gaggeefamaniif qophiin barbaachisaan taassifamee gara hojiitti galamuu dubbataniiru.
Sagantaan nyaataa kun baratoota nyaachisuurra darbee yeroo ammaa haadholii dhibba 6 ol ta’aniif carraa hojii uumuusaa ibsaniiru.