Misoomni koriidaraa Magaalaa Gambeellaatti eegalame saffisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni koriidaraa Magaalaa Gambeellaatti eegalame saffisaa jira
Sadaasa 5/2018(TOI)-Misooma koriidaraa Magaalaa Gambeellaatti eegalame saffisiisuun magaalitti jiraattotasheetiif mijattuu fi hawata Turiizimii gochuuf hojiin hojjetamu cimee Itti Fufuu Bulchiinsi Magaalichaa Beeksise.
Magaalaan Gambeellaa bakka gahumsa Turistii kan ta’an qabeenya uumamaan kan marfamte yoo ta’u keessumaa lagni baaroo magaalittii lamatti qoodee keessa darbu miidhaginaa fi dammaqina addaa magaalittiif kan kennuu ta’uun hubatameera.
Kantibaan bulchiinsa magaalaa Tuut Jiik TOI’f akka ibsanitti, miidhaginaa fi kennaa Gambeellaa caalaatti mul’isuuf inisheetivii misooma koridaraa akka biyyaatti eegalame magaalittiittiis eegalamee hojjetamaa jira.
Misooma Koriidaraa magaalaa Gambeellaatti eegalaman saffisiisuun magaalittii jiraattotaa fi daawwattootaf mijattuu taassisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimanii itti fufuu dubbataniiru.
Magaalaa Gaambeellaatti Misooma Koriidaraa Boqonnaa jalqabaan dheerina km. 14 ol kan qaban daandiiwwan gurguddoon 4 galma misoomaaf qabame milkeessuuf hojicha saffisiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Milkaa’ina hojii misooma koriidaraatiif jiraattotarraa qarshii walitti qabuurraa eegalee deeggarsaa fi hirmaannaan taassisaa jiru kan jajamu ta’uu kaasaniiru.
Misooma koriidaraa cinaatti sadarkaa daandii keessa keessaa magaalittii fooyyessuun fayyadamummaa uummataa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Misoomni koriidaraa eegalame magalittii qulqulluu, miidhagduu fi hawattuu gochuurra darbee lammiilee hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuu kantiibaan kun beeksisaniiru.
Misooma koriideraan carraan hojii namoota uumameefii keessaa dargaggoo Axinaafuu Asaffaa fi Misikkir Ashannaafii yaada kennaniin, carraa hojii misoomni koriideraa uumeefiin jireenya maatiisaanii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru.
Misoomni koriidaraa magaalittii miidhagduu fi hawwattuu taassisuurra darbee ogummaan haarawaa akka baran haala mijataa uumuu ibsaniiru.