Magaalota jireenyaaf mijataa taasisuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaramaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalota jireenyaaf mijataa taasisuuf qorannoo fi qo’annoon deeggaramaa jira
Sadaasa 05/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti magaalota ammayyaa fi jireenyaaf mijataa taasisuuf hojiin qorannoo fi qo’annoon deeggaramee hojjetamaa jiraachuu inistitiyuutiin pilaanii magaalaa naannichaa ibseera.
Inistitiyuutichi qorannoo fi qo’annoo rakkoolee pilaanii magaalotaa furan kan magaalota naannichaarratti gaggeessee simpooziyeemiin qooda fudhattootaaf dhiheesse magaalaa Cirootti gaggeeffameera.
Daarekatarri olaanaa inistituutichaa obbo Margaa Oliiqaa waltajjicharratti haasaa tasisaniin pilaaniin magaalotaa haala jireenya hawaasaa fooyyessuu fi jireenya uummataa ammayyeessuun rakkoolee jiran furuuf qorannoof i qo’annoon deeggaramee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Inistituyuutichi magaalota naannichaa hedduu keessatti pilaanii sadarkaa isaa eeggate hojjechuu isaa ibsuun, iddoowwan lolaaf saaxilamoo ta’an, misooma naannoo fi misooma magariisaa irratti kan xiyyeeffate qorannoo rakkoolee furan sadii magaalota 14 irratti hojjechuu isaa ibseera.
Inistituyuutichi pilaanii magaalotaa qopheessuun dabalatatti gaggeessitootaa fi hojjettootaaaf leenjii fi deeggarsa kennaa jiraachuu eereera.
Naannichi magaalota ammayyaa pilaaniin deeggarame ijaaruun kan jalqabame guutummaan guutuutti magaalonni pilaanii sadarkaa isaa eeggatee fi qulqullina qabu akka qabaatan hojjechuun cimee itti fufa jedhaniiru.
Kana milkeessuufis ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Simpooziyeemiin magaalaa Cirootti adeemsifame kunis hojiilee qo’annoo fi qorannoorratti hundaa’anii rakkoolee kana waliin walqabatan kan furanii fi muuxannoolee argaman qooda fudhattootaaf qoodamaniiru.
Pilaaniin magaalota akka Mattuu, Galamsoo, Asallaa fi Baabbillee irratti hojjetaman hawaasa kan hin hirmaachifne waan turaniif akka rakkootti warreen eeraman keessaati.
Kanaafuu Pilaaniin gaafa hojjetamu hawaasa kan hirmaachise ta’uu akka qabu himameera.
Gama biraan immoo magaalonni akka Baddeessaa, Saaguree, Dheeraa, Bulee Horaa fi Bishooftuu misoomni magariisaa magaalotaa kunniin irratti qorannoon dhiyaate akka jalqabbii fakkeenya gaariitti kan fudhatamu ta’uu eerameera.
Ogeessota qorannoo isaanii dhiyeessan keessaa Isteet Yunivarsiitii Oromiyaatti barsiisaa kan ta’an Doktar Nugusee Dabaleen akka jedhanitti, ijaarsi magaalota Oromiyaa keesatti ijaaraman kanaan dura pilaaniin waan hin deeggaramneef magaalonni kunniin mijatoo fi ammaayyaa akka hin taane godheera jedhan.
Yeroo ammaa mootummaan maagalonni ammayyaa fi jireenyaaf mijatoo akka ta’aniif qorannoon deeggaramee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaan ijaarsa pilaanii yeroo ammaa kana eegale jireenya hawaasaa ammayyeessuun akka mijatu taasisuun dabalataan badhaadhina hundagaleessaaf shoora olaanaa waan bahatuuf hawaasni deeggaruu qabaa dhaamaniru doktar Nugusee Dabaleen.
Inistityuutichi qorannoo fi qo’annoo gaggeesseen magaalota ammayyaa fi jireenyaaf mijatoo ta’an uumuun rakkoolee gama kanaan jiran hedduu furuu kan eeran immoo Kantiibaa magaalaa Galamsoo obbo Mahaammad Abdallaati.
Simpooziyeemichi ogeessota magaalota Oromiyaa adda addaarraa walitti dhufanii fi akkasumas jiraattota magaalaa Ciroo hirmaachisuun gaggeeffameera.