Tamsaasa Kallatti:

Dursaan liigichaa humni Ibsaa Itiyoophiyaa tapha magaalaa Hawaasaa waliin taassisu  ni eegama

Sadaasa5/2018(TOI)-piriimer liigii  dubartoota Itiyoophiyaatti sagantaa torban 6ffaan  taphoonni  lama  Isataadiyeemii  Abbabaa  Biqilaatti gaggeeffamu.

Guyyaa sa’aatii 7:00 Magaalaan Hawaasaa, Humna Ibsaa  Itiyopophiyaa waliin taphatu.

Magaalaan Hawaasaa liigichatti tapha shan gaggeesseen yeroo 4 yoo mo’u  yeroo tokko mo’ameera.

Taphichaan goolii  9 yoo lakkoofsisu  goolii  sadii  keessummeesseera.

Garichatti  qabxii 12n  sadarkaa 3ffaa  irratti  argama .

Morkataansaa Humni Ibsaa Itiyoophiyaa  gamasaan   liigichatti taphoota  gaggeesseen taphoota shan injifateera.

  Goolii 13 yoo lakkoofsisu   golii  tokko keessummeesseera.

 Garichatti  qabxii 15 liigicha dursaa jira .

Dorgammii bara Kanaan kilaboonni  lama   jalqabbii gaarii argisiisan taphichaan  morkii walgitaa  ni taassisu jedhamee eeggama .

Sagantaa biroon  Bunni Sidaamaa Magaalaa Finfinnee waliin  guyyaa sa’aatii 9:00 taphasaanii gaggeessu.

Liigichatti  Bunni Sidaamaa  taphoota 4 gaggeesseen   yeroo tokko  yoo  injifatu  yeroo  sadii wal-qixaan adda  baheera.

Taphichaan  bunni sidaamaa  goolii shan yoo galchu,  goolii sadii  keessummeesseera.

 Garichatti  qabxii  6n sadarkaa 6ffaa qabateera.

Morkataansaa magaalaan Finfinnee liigichatti tapha  shan gaggeesseen  tokko yoo  injifatu , yeroo  4 mo’ameera.

Taphichaan goolii lama yoo lakkoofsisu   goolii  11 keessummeesseera.

Garichaan qabxii sadiin sadarkaa 13ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aarratti argama.

Taphichaan gareewwan lameen gara daandii injifannootti deebi’uuf morkii taassisanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015