Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaaniif manni jireenyaa kuma 30 hirmaannaa hawaasaan ni ijaarama

Sadaasa 05/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaaniif manni jireenyaa kuma 30 hirmaannaa hawaasaan ni ijaarama jedhe biiroon barnootaa naannichaa.

Sadarkaa itti aanaa hogganaa biiroo barnootaa Oromiyaatti gorsaan biiroo barnoota Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti biiroon barnootaa Oromiyaa hojiiwwan adda addaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gargaaran hojjechaa jirachuu himaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiran keessaa manneen barnootaa idileen duraa babal’isuu, manneen barnootaa bultii addaa waliin gahuu fi meeshaalee barnootaaf barbaachisan guutuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaan walqabatees hojiileen jireenya barsiisotaa fooyyessanii fi leenjiin gabbisa dandeettii brasiisotaa kennamaa jiraachuu dubbataniiru.

Akkasumas jireenya barsiisotaa fooyyessuun qulqullina barnootaaf shoora olaanaa waan qabuuf kanarratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru obbo Efreem Tasammaan.

Bara bajataa kanatti naannoo Oromiyaatti barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaaniif manneen jireenyaa kuma 30 hirmaannaa hawaasaan ijaarsisuuf tattaaffiin jalqabameera jedhan.

Kunis haalli baruu fi barsiisuu akka fooyya’uu fi qulqullina barnootaaf shoora olaanaa bahata jedhaniiru.

Bara darbe hirmaannaa hawaasaan barsiisota manneen barnootaa baadiyaatti barsiisaniif manni jireenyaa kuma 10  ijaaramuu hubachiisaniiru.

Manneen jireenyaa barsiisotaaf ijaaruun dabalatatti ijaarsi daree dabalataa, manneen barnootaa idileen duraa, akasumas ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015