Guyyaan sabaa fi sab-lammootaa fi ummattootaa tokkummaa dagaagsuurra darbee guddina damee Tuurizimiitiif qooda olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan sabaa fi sab-lammootaa fi ummattootaa tokkummaa dagaagsuurra darbee guddina damee Tuurizimiitiif qooda olaanaa qaba
Sadaasa5/2018(TOI)-Guyyaan sabaa fi sablammootaa fi ummmattoota Itiyoophiyaa akka biyyaatti obbolummaa cimsuurra darbee damee Tuurizimiitiif qooda olaanaa qabaachuun ibsameera.
Guyyaan sabaa fi sab-lammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan mataduree “waliigaltee dimokiraatawaa tokkummaa sab-daneessummaaf”yaada jedhuun sadaasa 29 bara 2018 naannoo giddu galeessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti kabajama.
Kana ilaalchisee itti gaafatamaan Biiroon Aadaa Fi Turiizimii naannoo Gidduu galessa Itiyoophiyaa Saamu’eel Mangashaa TOI’f akka ibsanitti, guyyaan sabaa fi sablammootaa fi uummattootaa naannichatti kabajamuun faayidaa hedduu qaba.
Naannichi qabeenya qabu beeksisuuf keessummoota guutuu Itiyoophiyaarraa dhufan simachuu fi guyyaa guddaa kana keessummeessuun faayidaansaa guddaadha jedhaniiru.
Keessumaa damee Turiizimiin Aadaawwan naannichatti argamanii fi bakkeewwan hawwata turiizimii hedduu beeksisuuf faayidaa guddaa qabaachuu hubachiisaniiru.
Akkasumas walitti dhufeenya cimsuurra darbee carraa hojii fi sochii Diinagdee damichaa akka guddisu hubachiisaniiru.
Kanaafis qophiiwwan dammaqinaan keessummeessuuf dandeessisan taassifamuusaanii fi ammas cimee itti fufuusaa ibsaniiru.
Guyyaan sabaa fi sab-lammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 19ffaan mata duree “waliigalteen biyyoolessaa tokkummaa sab-daneessummaaf “jedhuun Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Arbaa Minicitti kabajamuun ni yaadatama.