Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf Misooma Barsiisotaa fi dhiheessii galteef xiyyeefffanoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf Misooma Barsiisotaa fi dhiheessii galteef xiyyeefffanoon kennameera
Sadaasa 3/2018(TOI)-Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf Misooma barsiisotaa fi dhiheessii galteef xiyyeeffannoon kennamuu gaggeessitoonni damee Barnootaa ibsan.
Yaa’iin Barnootaa biyyooleessaa 34ffaan mata duree “Barnoonni Haqaa qabeessii fi qulqullina qabu hundaaf” jedhuun Yunvarsiitii saayinsii fi teekinooloojii Adaamaatti gaggeeffameera.
Ministeera Barnootaatti hojii raawwachiisaan dhimma Imaammataa Isheetuu Galaayee TOI’f akka ibsanitti, damee Barnootaan hojii riifoormii misoomaa barsiisotaaf, ijaarsa dandeettii Gaggeessitoota barnootaa fi dhaqqabamummaa kitaabaaf xiyyeeffannoon kennameera.
Ministeerichi waggoottan lamaan darban qofa Kitaabota Barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf kaayyeffatan maxxansuun naannooleef rabsuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Riifoormii Damee Barnootaan gaggeessitoonni Misooma Barsiisotaa fi Barnootaa galtee guutuurratti xiyyeeffannoonhojjetamuu eeraniiru.
Haala Kanaan baatiiwwan gannaa lamaan darban sagantaa leenjii addaa kennamuu ibsuun kanaanis Barsiisotaa fi hoggantoota barnootaa kuma 1tti dhihaataniif leenjii kennuu hubachiisaniiru.
Hirmaattota ya’ichaa kan ta’an keessaa itti aanaa Bulchaa Naannoo Sidaamaa fi itti gaafatmaa Biiroo Barnootaa Naannichaa Bayyanaa Barasaa riifoormii damee Barnootaa milkeessuuf riifoormii biyyoolessaa fi naannoo qindeessuun dhaqqabummaa fi qulqullina mirkaneessuun danda’ameera jedhaniiru.
Sosochii Biyyoolessaa Barnootni dhalootaf jedhuun babal’ina barnoota idileen duraa sadarkaa tokkoffaa babal’isuun baadiyaatti mana barnootaa Modalaa Idileen duraa ijaaruu fi Mana Barnootaa idilee sadarkaa 1ffaa haaromsuun daa’immaniif haala mijataa uumuu ibsaniiru.
Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf manneen barnootaa baruu fi barsiisuuf mijataa taassisuurra darbee meeshaalee barnootaa guutuu fi dandeettii barsiisotaa dagaagsuurratti haala cimaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Kana cinaatti sagantaa nyaata barattootaan naannichatti barattoota kuma 40 ol fayyadamoo taassisuu danda’uu dubbataniiru.
Hirmaataan ya’ichaa Biroon Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawwaa Abbubakar Adosh akka jedhanitti, qulqullinaa fi dhaqqabamummaa Barnootaaf hojiiwwan jijiiramaa eegalaman milkeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuun hojiin fooya’aan hojjetameera.
Qulqullina Barnootaa Eegsisuuf dhiheessii galtee guutuurratti bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru.
Harcaatii barattootaa hir’isuuf hawaasa hirmaachisuun daa’imman kuma 30 oliif sagantaa nyaata Mana Barnootaa hojiirra ooleera.