Lammiileen miidhaa godaansaa al-idilee hubatanii gocha kanarraa irraa of qusachuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen miidhaa godaansaa al-idilee hubatanii gocha kanarraa irraa of qusachuu qabu
Sadaasa 3/2018(TOI)-Godaansa al-idilee ittisuu fi to’achuuf hojiin sadarkaa mootummaatti akkasumas qaamolee deeggartootaa waliin qindaa’uun raawwatu akkuma eegametti ta’ee lammiilee gocha kanarraa of qusachuu akka qaban ibsameera.
Ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaatti dursaan garee ittisa namoota seeraan ala deddeebisuu fi hordoffii fi deeggarsa lammiilee godaansaa deebi’anii Darajjee Taggibaluu, lammiileen godaansa al-idileen biyyoota garagaraa dhaqanii fi rakkoof saaxilaman deebifamaa jiru.
Erga biyyatti deebi’anii booda deeggarsa xin-sammuu fi hawaasummaa barbaachisu akka argatan godhamee maatii fi hawaasatti makamuusaanii eeraniiru.
Akka naannootti karaa biirolee dubartootaa fi dhimma hawaasummaa fi hojii fi ogummaa leenjii barbaachisu fudhatanii deebi’anii akka damdamatan godhamaa akka jiru mirkaneessaniiru.
Gama mootummaatiin deeggarsii fi hordoffiin barbaachisu godhamaa akka jiru ibsanii,dhuunfaasaaniin hojjechuu kan barbaadaniifis maallaqa isaaniitiin hojii dhuunfaasaanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Filmaata hojii biyya keessa jiran ilaluu fi biyya alaa deemuun yoo barbaachises karaa seera qabeessa qofa akka ta’u gorsanii, godaansi seeraan alaa rakkoo hedduu akka geessisu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaanota biyyoota addaddaa keessa haala rakkisaa keessa jiran karaa ministeera dhimma alaa biyyatti deebisuun cimee itti fufuu beeksiseera.
Waggoota afran darban jiddugaleessa bahaa, Afriikaa fi biyyoota Isiyaa kanneen akka Maayinamaar keessa haala rakkisaa keessa turan namoota kuma 500 caalan biyyatti akka deebi’an gochuu beeksiseera.