Tamsaasa Kallatti:

Livarpuul gara mo’annaatti deebi’eera

Onkoloolessa 22/2018 (TOI)-Sagantaa turban kurnaffaa piriimar aliigii Ingiliziin Liivarpuul Astonviilaa 2 fi 0’n mo’ateera,

Galeessa galgala tapha Anfiildi Rooditti gaggeeffameen Mahaammad Saalaah fi Rayan Giravanbarch goolii galchaniiru.

Liivarpuul walitti aansuun mo’atamuu booda gara mo’annaatti deebi’eera.

Injifannoo yeroo jahaffaa galmeessisuun qabxii 18’n sadarkaasaa gara sadaffaatti guddiseera.

Tapha yeroo sadaffaaf kan mo’ame Astonviilaan qabxii 15niin sadarkaa 11ffaa qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015