Tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa hatattamaan tajaajila ammayyaa hojiirra oolchuusaatiin fayyadamneerra-Tajaajilamtoota - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa hatattamaan tajaajila ammayyaa hojiirra oolchuusaatiin fayyadamneerra-Tajaajilamtoota
Onkoloolessa 22/2018(TOI)- Tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa hatattamaan tajaajila ammayyaa hojiirra oolchuusaatiin fayyadamneerra jechuun Tajaajilamtoonni ibsan.
Mnistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad walgahii idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniin akka ibsanitti, tajaajila immigireeshinii fi lammummaa fooyyessuuf riifoormii taasifameen yeroo gabaabaatti jijjiiramni qabatamaan dhufeera.
Yeroo ammaa waggaa tokkotti paaspoortiin miilyoona afur akka dhihaatu dubbataniiru.
Waggaa sadii dura paaspoortiin kuma 300 hin caalle dhihaachaa akka ture dubbataniiru.
Tajaajilamtootti TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi tajaajila yeroo dheeraa fudhatu ammayyeessuun hojmaata dadhabsiisaa ture oolcheera.
Kanneen yaada kennan keessaa adde Ruut Baanjaawu tajaajila paaspoortii karaa oonlaayinii xumuruu fudhachuuf akka dhufan dubbataniiru.
Dhaabbatichi of ammayyeessee tajaajila yeroo qusatuu fi bu’aa bayii hambisu kennaa akka jiru arguusaanii ibsaniiru.
Tajaajila argachuuf gara dhaabbatichaa kan dhaqan obbo Rashiid Siiraaj gamasaaniin, sirnaan tajaajila argachuusaanii ibsaniiru.
Tajaajila immigireeshinii fi lammummaatti daarektarri itti aantuu tajaajila paaspoortii Samiiraa Kaliifaa akka ibsanitti, dhaabbatichi Amajjii bara 2017 irraa eegalee tajaajilli E-passportii hojiirra oolche rakkoolee Kanaan dura turan hambiseera jedhaniiru.
Yeroo ammaa guyyaa guyyaadhaan namoota kuma saddet ta’an karaa onlaayinii galmee paaspoortii akka taasifamu ibsanii, kunis rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa hambisuuf gargaareera jedhu.
Dhaabbatichi bara bajataa 2018 paaspoortii idilee fi ariifachiisaa namoota miiliyoona afuriif kennuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, baatii Sadan darbanis maamiltoonni 545 paaspoortii fudhachuusaanii ibsaniiru.
Dhaabbatichi yeroo ammaa dameelee 12’n tajaajila kennaa akka jiru dubbatanii, fuulduras baay’ina dameelee 28tti guddisuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.