Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni Misoomaa Gurguddoon Itiyoohiyaa guddana biyyaalessaa saffisiisuun guddina Dinagdee guddaa ijaaruu kan dandeessisanidha

Onkoloolessa 22/2018(TOI)-Pirojektootni misoomaa gurguddoon Itiyoophiyaan karoorsite  guddina biyyoolessaa saffisiisuun Guddina Diinagdee guddaa ijaaruu kan dandeessisan ta’uusaanii hayyoonni TOI dubbise ibsan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimadi misiraachoowwan guubaarratti ifoomsan guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa saffisiisuun fakkeenyummaa badhaadhina Afriikaa kan dhugoomsan akka ta’an ibsamuun ni yaadatama.

Ministirri Muumnmee tibbana ibsa mana maree bakka bu’oota ummataaf kennaniin pirojektoonni misoomaa gurguddoon adeemsarra jiran carraashee fuulduraa kan murteessan ta’uusaanii  cimsanii ibsaniiru.

Dhimma kanarratti TOI’n  kan dubbise Hayyootni Yuunvarsiitii Wallagaa hojjetan akka ibsanitti, pirojektoota gurguddoo Itiyoophiyaan karoorsite imala hiyyummaa keeessa bahuuf eegalame kan saffisiisanidha.

Hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee bara kana hojii kan eegalanii fi  pirojektoonni misoomaa karoorarra jiran guddina biyyaa saffisiisuu qofa osoo hin taane, biyya keenya toora biyyoota guddatanii kan hiriirsudha jedhaniiru.

Yuunvarsiitii Wallaggaatti barsiisaa Muummee Dinagdee Dr.Geetaachoo  manyaar  Caasaawwan Diinagdee Mootummaatiin hojiirra oola jiran guddina ariifataa Itiyoophiyaa   kan dhugoomsanidha jechuun ibsaniiru.

 Mootummaan pirojektoota xixiqqaa fi gidduugaleessa olitti pirojektoota gurguddooraatti  xiyyeeffachuunsaa  yeroo dhihootti  hiyyummaa keessa bahuuf daandii kan qulqulleessu  ta’uu dubbataniiru.

Keessumaa mootummaan qabeenya Dilbii  Itiyoophiyaan qabdu adda baasuun akkaataa barbaachisummaasaatti gara misoomaatti galuun muuxannoo haaraa ta’uu yaadachuun, bu’uura jalqabbii haaraan guddinba bu’uuraa mirkaneessuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.

Haala adeemsa amma eegalameen humnoota damee hundaan jiruun  duguuganii fayyadamuun hojiileen fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu cimee itti fufuu akka qabu  hubachiisaniiru.

Pirojektoonni bu’uura gurguddoon biyya kan jijjiiran  ta’uu eeruun kunis fudhatama addunyaarratti qabdu guddisuun dandeettii dhiibbaa geesisuushee guddisa jedhaniiru.

Barsiisaan Barnoota Dinagdee Yunvarsiitichaa Dr.Gammachuu Mulaatuu gamasaaniin, ijaarsi pirojektoota gurguddoo biyyaa fi lammiileef bu’aawwan hedduu qabatanii dhufu jedhaniiru.    

Keessumaa carraa hojii uumuudhaan qooda olaanaa qabachuu ibsuun, humna namaa  dargaggeessaa  fi omishaa ta’e bu’a qabeessa taassisuuf ni gargaara jedhaniiiru.

Hundaan ol pirojektoonni misoomaa kunneen imala guddina Ariifataa Itiyoophiyaa  itti fufsiisuuf dinagdee cimaa ijaaruuf kan dandeessisan ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015