Tamsaasa Kallatti:

Liigicha  dursaa kan jiru Arsenaal Bernileey waliin  ni taphata

Onkoloolessa 22/2018(TOI)- Piriimer liigii Ingiliz torban10ffaan har’a eegala.

Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal gara Istaadiyeemii tarfi muritti imaluun kilaba haaraa guddate Bernileey waliin ni taphata.

Arsenaal qabxii 22 sadarkaa 1ffaa, Bernileey qabxii 10iin  Sadarkaa 16ffaa qabataniiru.

Kilabonni lameen Piriimer liigichaan yoo waliin dorgoman kan ammaa kun yeroo 19ffaa dha.

Taphoota 18 Amman dura gaggeeffamaniin Arsenal Yeroo13ffaa injifachuun dursa qabateera.

Bernileey yeroo tokko qofaa yoo injifatu, yeroo 4 qixaa bahaniiru.  

Gahumsa dinqisiisaarratti kan argamu Arsenaal taphicha akka injifatu tilmaamni duraa kennameera.

Tapha Liigichaa darban lamaan kan injifate Bernileey taphichaan morkii cimaa gaggeessa jedhameetu eeggama.

 

Sagantaawwan biroon Nootingihaam foresti Maanchistar Yuunaayitid waliin galgala sa’aatii  12:00tti ni taphatu.

Sagantaa tapha liigichaa darban sadiin kan mo’ate Manchistar Yuunaayitid daandii  injifannoon itti fufuuf kan isa taasisudha.

Faallaa sanaan liigichaan  injifannoo tokko qofa kan galmeessee fi hanqina qabxii guddaa keessa kan jiru Nootingihaam foresti qabxiin sadii isa barbaachisa.

 

Kirstaal paalaas Bireentifoordi, Biraayiten Liidsi Yuunaayitid fi Fuulhaam wolvis  waliin yeroo wal fakkaataa galgala sa’aatii 12:00tti ni taphatu

 

Taphni Tootenihaam Hotispersi Cheelsii waliin galgala sa’aatii 12 :00 irratti gaggeessan ni eegama.

 

Taphoota liigichaa Afran darban kan mo’atame Injifataan kan yeroo Liiverpuul galgala sa’aatii  5:00tti Istadiyeemii Anfiilditti Astonviilaa waliin taphata.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015