Milkaa’inoonni Industiriichi omisha bakka bu’uu fi daldala Al-ergiin galmeessu guddina biyyoolessaa walii galaaf qooda olaanaa bahaa jira - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inoonni Industiriichi omisha bakka bu’uu fi daldala Al-ergiin galmeessu guddina biyyoolessaa walii galaaf qooda olaanaa bahaa jira
Onkoloolessa 22/2018(TOI)- Milkaa’inoonni Industiriichi omisha bakka bu’uu fi daldala Al-ergiin galmeessu guddina biyyoolessaa walii galaaf qooda olaanaa bahaa jiraachuu itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo ibsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffii yaa’ii idilee Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa bara hojii 5ffaa irratti miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniin, bara baajataa 2017 industiriin dhibbantaa 13 Milkaa’inoonni Industiriichi omisha bakka bu’uu fi daldala Al-ergiin galmeessu guddina biyyoolessaa walii galaaf qooda olaanaa bahaa jiragalmeessisuun Omisha Waliigala biyya Keessaaf dhibbantaa 3 tuqaa 7 gumaachuusaa ibsaniiru.
Itti Aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo TOI’f akka ibsanittti, Mootummaan Dinagdee damdaneessa babal’isuun badhaadhina mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira.
Dameewwan Dinagdee hedduu keessaa Industiriin 1ffaa ta’uu kaasuun damicha omisha bakka bu’uu fi daldala Al-ergiin bu’aa abdachiisaa galmeessisuu ibsaniiru.
Industiriin guddina biyyaa keessatti qooda olaanaa bahaa jira kan jedhan Itti Aantuun Afa-yaa’ii kun Itiyoophiyaan humna mataasheen guddachuuf mul’ata qabatte milkeessuuf ishee gargaara jedhaniiru.
Kunis tattaaffii Imala badhaadhinaa Itiyoophiyaan eegalte mirkaneessuuf kan ishee daangessu tokkollee akka hin jirre agarsiistuu ta’u ibsaniiru.
Imalli Guddinaa, Badhaadhinaa, Jijiiramaa fi bayyanachuu daandii sirriirra ta’uu kan ibsan itti aantuun Afa yaa’ii Loomii Badhoo, imaammattoonni, karoorawwan fi seerota damichaan bahan Industiriiwwan kan guddisanidha jedhaniiru.
Mootummaan dandeettii dorgommii damichaa guddisuuf dhiheessii liqiirraa eegalee onnachiiftuuwwan hedduu kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Damee Industiriin hojiiwwan kutannoon hojjetamaniin bu’aan galmaa’uusaa eerniiru.