Daandiin Qillensa Itiyoophiyaa Tajaajila Afriikaa Addunyaa waliin wal-quunnamsiisaa jiru cimsee itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Qillensa Itiyoophiyaa Tajaajila Afriikaa Addunyaa waliin wal-quunnamsiisaa jiru cimsee itti fufa
Onkoloolessa 22/2018(TOI)-Daandiin Qillensa Itiyoophiyaa Tajaajila Afriikaa Addunyaa guutuu waliin wal-quunnamsiisaa jiru cimsee akka itti fufu hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo ibsan.
Hojii raawwachiisaan kun tajaajila guddina geejiba Qilleensa Afriikaa fi walitti hidhaminsaaf gumaacha gumaachaniif kaampaanii G.E irraa badhaasa fudhataniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervan Masiingaa, kaampaanii G.E Erospeesitti hojii raawwachiisaa olaanaan damee koomershaalaa fi Injiinii Rusel Istooksi, miseensonni hoggansa olaanoo daandii qilleensichaa qooda fudhattoonni biroo saganticharratti argamaniiru.
Hojii raawwachiisaan damee komershaalaa fi Injinii kaampaanii G.E Erospees Rusel Istoksi wayita kana hojii raawwachiisaan Daandii Qilleensichaa Masfin Xaasoo milkaa’ina fi guddina tarsiimawaa dhaabbatichaa gama itti fufsiisuutiin gumaacha olaanaa gumaachuusaanii dubbataniiru.
Dabalataanis guddinni fi walitti hidhaminsi geejiba qilleensa Afriikaa akka saffisuuf kutannoo gaggeessummaa cimaa kennaniif dabalatee badhaasni kan isaaniif kename ta’uu ibsaniiru.
Guddina fi qulqullina daandii qilleensichaaf kaampaanii G.E erospees waliin tumsaan akka hojjetamuuf gumaacha olaanaa taasissuusaanii kaasaniiru.
Hojii raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensa Itiyoohiyaa Masfin Xaasoo gamasaaniin, Kaampaaniin G.E erospees beekamtii isaaniif kenneef Galateeffataniiru.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa fuuldurattis Afrikaa biyyoota Guutuu Addunyaa waliin wal quunnamsiisuun tajaajila fooya’aa kennuusaa cimsee akka itti fufu yaadachuun, badhaasichi kan dhuunfaa koo qofa osoo hin ta’iin idi’ama bu’aa hojjettoota guutu daandii qilleensichaati jedhaniiru.
Guddinaa fi Milkaa’ina Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa itti fuufsiisuu kan danda’an hojii raawwachiisaa Masfin Xaasoo yeroo dhihoottii Awwaardii impaktii 2025 Afriikaa Ameriikaan akkasumas “leadership in connecting Africa through Transoret Award” Gaanaa Akiraatti badhaafamuun isaanii ni yaadatama.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Miseensa Istaar erlaayinsii kan ta’e magaalota Afriikaa 66 ol ta’etti kan balali’u yoota’u, waggaa waggaan Afriikaa biyyoota guutuu Adunyaa Waliin Wal-quunnamsiisuun badhaasa hedduu injifateera.
Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa Iskaayitraaksi irraa daandii qilleensaa filatamaa kan jedhame yoo ta’u, Kutaa Biizinasii Filatamaa Afriikaa, kutaa filatamaa Dinagdee Afriikaa fi Kutaa Biizinasii Afriikaatti tajaajila nyaataa Filatamaa kan kennu jedhamuun badhaasa 2025 injifateera.
Daandiin qilleensichaa Tajajila Geejibaa Amansiisaa kennuun Dinagdee biyyattii fi tuurizimii guddisuuf akkasumas Itiyoophiyaa gidduugala daldalaa fi turiizimii taassisuuf sharafa biyya alaa irraa argamu guddisuuf cimee hojjechaa jira.