Tamsaasa Kallatti:

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara Erbaasii A350-900 dabalataa harkatti galfate

Onkoloolessa 22/2018(TOI)-Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa baay’ee ammayyaa’aa kan ta’ee fi Moodela kanaan Xiyyaara Erbaasii A350-900 (ET-BCE) harkatti galfateera.

Xiyyaarri daandiin qilleensichaa har’a ganama harkatti galfate kun, namoota 340 fe’uu akka danda’u daandiin qilleensaa TOI’f beeksiseera.

Daandiin qilleensichaa Xiyyaara kana harkatti galfachuunsaa kenniinsa tajaajilaa mijataa sadarkaa adduyaatti damee Kanaan qabu caalaa akka guddisu eerameera.

Xiyyaarri ammayyaa kun tajaajila daandiin qilleensichaa kennuuf caalaa kan cimsuu fi adda durummaa damee industirii aviyeeshiniin qabu kan itti fufsiisu ta’uu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015