Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee addaa fi kan dinqisiifatamudha-Lammiilee Ayerlaandi Ayyaanicharratti hirmaatan - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee addaa fi kan dinqisiifatamudha-Lammiilee Ayerlaandi Ayyaanicharratti hirmaatan
Fulbaana 25/2018(TOI)-Ayyaanni Irreecha Hora Harsadeeaddaa fi kan dinqisiifatamudha jechuun Lammiileen Ayerlaandi Ayyaanicharratti hirmaatan ibsan.
Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee duudhaa aadaasa eegee hirmaattonni hedduun halkanii eegalanii kan argaman yoo ta’u, Sirnichi Eebba Abbootii Gadaan eegaleera.
Hirmaattonni Ayyaanicha Uffata Aadaa Miidhagaa fi hawataa duudhaasaan faayamanii Sirboota Aadaa fi faaruu adda addaa faarsuun gara Hora Harsadeetti imaluun Ayyaanicha Miidhaginaan dabarsaa jiru.
Ayyaanicharratti hirmaachuuf Ayeerlaandirraa kan dhufe Naa’eel Ayyaani Irreechaa kan raajeffatamuu fi kan nama hawatudha jechuun ibseera.
Miidhagina Uffata Aadaa argetti booji’amuusaa ibseera.
Ayyaanni Irreechaa addaa fi mudannoo ammaan dura argee hin beeknee kan dubbate Naa’eel, waanin argetti booji’ameera jechuun ibseera.
Irreechi Aadaan Itiyoophiyaa hagam akka badhaadhe kan argisiisu ta’uu ibsuun qaamoleen dhimmi ilaallatu Ayyanicha Addunyaatti beeksisuu akka qaban dubbateera.
Kan biraan kan yaada kennite Ornaan, Ayyaanicharratti Carraa Argattee hirmaachuusheetti gammaduushee ibsiteetti.
Ayyaanicharratti Uffata Aadaa Miidhagaa, Sirboota Aadaa fi Faaruuwwan adda addaa argitetti baay’ee booji’amuushee dubbatteetti.
Ayyaanichi baay’ee kan dinqisiifatamuu fi Ayyaanota Addunyaarra jiran irraa adda ta’uu ibsiteetti.
Simannaa fi Qajeelummaan Uummata Itiyoophiyaa baay’ee kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuun kunis Ayyanicha Miira addaan akka kabajan akka isaan dandeessise dubbatteetti.