Irreechi duudhaa dinqii Itiyoophiyaan addunyaaf gumaachitudha-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Irreechi duudhaa dinqii Itiyoophiyaan addunyaaf gumaachitudha-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Itiyoophiyaan hambaalee hambaalee hedduu addunyaaf gumaachiteetti. Duudhaasaanii eeganii barootaaf ummataan kabajamanii kan fulla’an ayyaanota ummataa fi amantaa duudhaasaanii qabeenya nama hundaa jedhamanii Yuuneeskootti akka galmeeffaman gooteetti. Kanneen galmeef addeemsarra jiranis niqabdi.
Irreechi Itiyoophiyaa bakkeewwan garagaraatti ummata Oromoo biratti waggaa waggaan kan kabajamu ayyaana dhiifamaa fi galataati. Ayyaanni Irreechaa ganni nagaan darbee barri haaraan dhufuusaa ilaalchisee waaqaaf galanni kan itti dhihaatudha.
Galanni dhihaatu ammoo Dhiifamaaf dursa kenna.Kan waldhabe dhiifama walgaafateebakka tokkotti waaqasaaf galata kan itti dhuheessu waan ta’eef. Duudhaan Itiyoophiyaa dinqiin kun qabeenya addunyaa akka ta’u Itiyoophiyaan barootaaf kunuunsitee tursiteetti, eegdee nitursitis.Kan kunuunfamu ammoo aadaasaa, duudhaasaa, hirmaachisaa ta’uusaa eeguun kabajuu fi beeksisuuni.
Ummanni Oromoo fi Itiyoophiyaanonni hundi galata ayyaana Irreechaa baranaa kan dhiheessan miira gammachuu hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha waloomaan milkeessan dhamdhamachaati. Dhiifamaan cehuu. Waloomaan injifachuu, waloomaan galateeffachuun aadaa Itiyoophiyaanotaa waan ta’eef, duudhaaleen dhiifamaa fi galataa akka Irreechaa bayyanachuu Itiyoophiyaaf qooda guddaa qabu.
Ayyaana Irreechaa gaarii!
Fulbaana bara 2018
Tajaajila komunikeeshinii mootummaa