Tamsaasa Kallatti:

Bara Omishaa baranaa Midhaan Zayitaa fi dheedhiirraa callaan  kuntaalli miiliyoona 84 tuqaa 6 ol akka argamu Abdatama-Ministeericha

Fulbaana 22/2018(TOI)-Bara  omishaa 2017/18 Callaan Midhaan Dibataa fi Dheedhii  Kuntaala Miiliyoona 84 fi kuma 696 ol akka argamu Ministeerri Qonnaa Beeksise.

Bara Omishichaatti Midhaan Dibataa fi Dheedhii Qonna  Gannaan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerichatti Itti Gaafatamaan deeskii misooma midhaan dibataa fi  oomishaan boodaa Fisahaa Toalasaa TOI’f ibsaniiru.

Bu’uuruima Kanaan Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Kibba Itiyoophiyaa, Gidduugala Itiyoophiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Beniishaangul Gumuz, Gambeellaa, Tigiraay, Hararii fi  Bulchiinsa Dirree Dawaatti Lafa  Hektaara Miiliyoona  2 fi  kuma 701 fi 989 midhaan dibataan misoomsuuf karoorfamuu eeraniiru.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun lafa Hektaara Miliyoona 2 fi kuma 633 fi 843 sanyiin facaafamuu dabalanii dubbataniiru.

Midhaan dibataa kanarraa callaan kuntaalli miiliyoona 40 fi  kuma 104 fi 279  akka argamu   ni eegama  jedhaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun lafa hektaara  miliyoona 2 fi kuma 293 fi 836  sanyii Midhaan dheedhiin facaasuuf karoorfamuu eeraniiru.


 

Hanga ammaatti lafti hektaarri  miiliyoona 1 fi  kuma 991 fi 215 midhaan dheedhiin facaafamuu ibsuun, midhaan kanneen akka shumburaa, yeroon facaasaa fuulduraatti  waan xumuramuuf  bal’inni lafasaa ni dabala jedhaniiru.

 Kanarraas callaan kuntaala miiliyona 44 fi kuma 592 fi  333 akka argamu  ni  eegama jedhaniiru.

Gama Biraan midhaan dibataa facaafame keessaa lafti hektaarri miiliyoona 2 fi  kuma 633 fi 843  midhaan saliixaa fi Atoo Boonsituu lafa hektaara Miiliyoona 2 fi  kuma 54 fi  866  walitti qabamuu eegaluu beeksisaniiru.

Omishi Atoo boonsituu naannoo bal’inaan itti facaafaman maashina Atoo Boonsituu haamu  dabaltee  hojiin midhaan walitti qabuu akka raawwatamu eeruun, dhaabbileen dhuunfaa maashinicha qaban akka hirmaataan gaafataniiru.

Walii gala midhaan dibataa bal’inaan omishuun hojiin waarshaa zayita nyaataa fi fedhii gabaa ala-ergii guutuu  dandeessisu hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015