Tamsaasa Kallatti:

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Fulbaana 04/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti, walta’uu keenyaan dandeenyeerra” jedhuun xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsa  ummataa guddaa addababayii masqalaatti gaggeessaniiru.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, itti aanaan ministira muummee Tamsgeen Xurunaa, etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee, ministiroonnii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon hiriira deeggarsaa kanaratti argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee watita kana hihdi haaromsaa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaaotaaf  ifa abdii, bu’ura bayyanachuuti jechuun dubbatan,

Sagalee tokkoon kan barreeffamee fi yoomiyyuu kan hindimimmifne, seenessa keenya waloo bu’ura walooma keenyaa akkasumas dafqaa fi dhiiga keenyaan kan dhugoome hidhi haaromsaa xumuramuusaatti baga gammaddan jedhaniiru.

Lammiilee gaara Gubaa jalatti beekumsasaanii, dafqasaanii, dhiigasaanii fi lubbuusaanii kutannoon kaffalaniif kajaja qabu jechuun galateeffataniiru.

Shira, haleellaa fi weerara lafa jalaa diinonni keessaa fi alaa walta’uun yaadan aarsaa gootummaan  kaffalameen darbuun dhugoomsuun akka danda’ame eeraniiru.

Keessumaa waggoottan toorban darban hooggansa cimaa ministira muummee Dr, Abiyyi Ahimadiin rakkoo cimaa hidhichi keessa gale keessaa baasuun dhugoomsuun akka danda’ame dubbataniiru.

Dhiibbaawwan garagaraa numudatan damdamachuuf gatii qaamoleen nageenyaa kaffalaniif galateeffataniiru.

Manni maree tasgabbii mootummoota gamtoomanii dhiibbaa Itiyoophiyaarraan gahuuf haala hinbaramneen hidhicha ilaalchisee al 13 walgahii taa’uusaa yaadachiisaniiru.

Yaaliin kunadeemsa dippilomaasii cimina qabuun fashalaa’uusaa eeranii, dippilomaatota gama Kanaan hirmaatanis galateeffataniiru.

Qaamolee miidiyaa, hirmaannonni miidiyaa hawaasaa, Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa, akkasumas harki keessan kan hindachaane hundi galata qabdu jedhaniiru.

Itiyoophiyaanonni dhiibbaa kallattii garagaraan itti aggaamaman walta’insaan qolachuun keenya, yoo wal taane waan yaanne milkeessuu akka dandeenyu kan agarsiisedha jedhaniiru.

Dhiibbaan kamiyyuu kaayyoo keenyarraa duubatti akka nundeebifne xumuramuun hidha kanaa agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru.

Hidhi kun dhugoomuunsaa ji’oo siyaasaa kan jijjiiree fi Itiyoophiyaan akka dandeessu addunyaatti kan agarsiifte siidaa barabaraati jedhaniiru.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa nibeekama.

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo, Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Geelee, pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Keer fi hooggantoonni biyyoota Afriikaa fi Kaariibiyaan sirna eebba hidha haaromsaarratti argamuunsaanii niyaadatama.A2a

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015