Hojiileen kunuunsa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyotaarratti baroottan darban hojjatamaniin bu'aan mul'achaa dhufeera - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen kunuunsa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyotaarratti baroottan darban hojjatamaniin bu'aan mul'achaa dhufeera
Adoolessa 24/2017 (TOI )-Hojiileen kunuunsa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyotaarratti baroottan darban hojjatameen bu'aan mul'achaa dhufuu Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hime.
Hawaasni Yunivarsitii Madda Walaabuu biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuurratti mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhurratti hirmaachuun biqiltuu dhaabeera.
Yunivarsitii Madda Walaabuutti ittaanaan Pirezidaantii dhimma baruu barsiisuu, qo'annoo fi qorannoo ce'uumsa teknoolojii Doktar Bazzaabbih Wandimmuu biqiltuu dhaabuun yaada kennaniin, Yunivarsiitichi hirmaannaa ashaaraa magariisaarratti taasisuun cinaatti hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaafi heddumina lubbu qabeeyotaarratti qorannoolee gara garaa geggeessaa jiraachuu himan.
Hojiilee baroottan darban hojjatameen bu'aan qabatamaa mul'achaa dhufuus eeran.
Hojiin dhaloota hegeree ilaalcha keessa galchuun hojjatamu akka milkaa'uuf deeggarsa jalqaban cimsanii kan itti fufan ta'uus dubbatan.
Hawaasni yunivarsiitichaa dubbifne yaada kennaniin, biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsuudhaan gahee nurraa eegamu nibaana jedhan.