Hooggantoonni leenjii marsaa 2ffaa kilaastara Baalee Roobeetti dhiiga arjooman - ENA Afaan Oromoo
Hooggantoonni leenjii marsaa 2ffaa kilaastara Baalee Roobeetti dhiiga arjooman
Onkoloolessa 7/2017(TOI)- Hooggantoonni leenjii marsaa 2ffaa kilaastara Baalee Roobeetti guyyoota kudhaniif leenjii fudhataa turan dhiiga arjoomaniiru.
Hanqina dhiigaa dhaabbilee fayyaa keessatti mul'atu xiqqeessuuf dhiiga arjoomuun lubbuu hin deebine baraaruu keessatti gahee adda durummaa keenya nibaana jedhan.
Baankiin Dhiigaa Damee Goobbaa gamasaatiin bara bajataa 2017tti dhiiga yuniitii kuma 8 ol walittiqabuuf karoorfame keessaa kurmaana tokkotti yuniitii kuma 1,500 ol walitti qabamuusaa ibseera.
Hooggantoonni dhiiga arjooman yaada kennaniin hojii tajaajila lamummaa keessatti qooda adda durummaasaanii kan bahan ta'uu dubbatan.
Keessattuu, hanqina dhiigaa dhaabbilee fayyaa keessatti mul'atu xiqqeessuuf dhiiga arjoomuun lubbuu hin deebine baraaruu keessatti gahee adda durummaa keenna nibaana jechuunis dubbatan.
Dhaabbileen fayyaa godina Baalee dhiheessii dhiigaa kan argatan hojii karaa baankii dhiigaa Goobbaatiin waan ta'eef hojicha qindoominaan hojjachaa jiraachuu kan himan ammoo Ittigaafatamaa Waajjira Fayyaa godina Baalee Obbo Seeyfuddiin Muhammadi.
Daarekteerri baankii dhiigaa damee Goobbaa Obbo Salamoon Gazzahanyi gamasaaniitiin, baankichi bara bajataa 2017 tti dhiiga yuniitii kuma 8 ol walittiqabuuf karoorfame keessaa kurmaana tokkoffaatti yuniitii kuma 1,500 ol walitti qabu himan.
Fedhii dhiigaa dhaabbilee fayyaa keessatti mul'atuufi hammi dhiigaa sassaabamaa jiru kan wal hinginne ta'uus ibsan.
Garaagarummaa fedhii fi baay'inna dhiigaa jidduu jiru walsimsiisuurratti qooda fudhattoota wajjin qindoominnaan hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Arjoomni dhiigaa hooggantoonni kilaastara Baalee Roobeerraatti taasisan qaamuma carraaqqii kanaa ta'uu ibsuun galateeffataniiru.
Baankichi yeroo ammaa dhiiga kutaalee hawaasa garagaraarraa walittiqabe dhaabbilee fayyaa godinoota Baalee lamaanii fi magaalaa Roobee keessatti argamaniif raabsuun tajaajila lubbuu baraaruutiif oolchaa akka jiru ragaan baankii dhiigichaarra argame ni mul'isa.