Hojjetaan mootummaa milkaa'ina hojii misoomaa fi bulchiinsa gaariif gahee isaa bahuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Hojjetaan mootummaa milkaa'ina hojii misoomaa fi bulchiinsa gaariif gahee isaa bahuu qaba
Hagayya 13/2016 (TOI) - Hojjetaan mootummaa hawaasa tajaajila barbaaduuf tajaajila si'ataa kennuun milkaa'ina hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii gahee isaa bahuu akka qabu Sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti pirezidaantiin naannoo Gambeellaa aadde Alamituu Umood hubachiisan.
Pirezidaantiin naannichaa aadde Alamituu Umoodii fi itti aanaan Pirezidantii naannicha Doktar Galiwaak Roon qaamolee hoggansa humna namaa naannichaa waliin sagantaa wal baruu fi bobbii hojii taasisaniiru.
Aadde Alamituun sagantaa kanarratti hojjetaan mootummaa damee hojii irratti bobba'erratti hojiin misoomaa fi bulchiinsa gaarii akka milkaa'u cimee hojjechuu qaba jedhaniiru.
Gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummatarraa dhihaatu ariitiin deebisuun kan danda'amu hoggansa qofaan osoo hin taane hojjetaan mootummaa damee hojii irratti bobba'erratti cimee yoo hojjedha jedhaniiru.
Maaddiilli gahumasa hojii bu'aarratti xiyyeeffate karaa sirrii hojiirra oolchuun hawaasa tajaajila barbaaduuf tajaajila si'ataa kennuun gaaffii bulchiinsa gaarii fi misoomaa deebisuuf kutannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.