Tamsaasa Kallatti:

Hawaasni dhukkubni Utaalloo fi weerara dhukkaba walfakaatoo jidduu kana mudate akka hin tatamsaanee ittisuurratti xiyyeeffachuu qaba.

Onkoloolessa  24/2016 (TOI) - Hawaasni dhukkubni Utaalloo fi weerara dhukkaba walfakaatoo jidduu kana Finfinnee fi naannolee biyyatti birootti mudate kana caalaa akka hin tatamsaanee ittisuurratti xiyyeeffachuu akka qabu ogeeyyiin fayyaa hubachiisan.

Ministeerri Fayyaa dhiyeenya kana qorannoo saamuda namoota kuma 2 irratti taasiseen  dhukkubni Utaalloo fi weerari dhukkuba kana fakkaatan mudachuu isaa mirkaneessuu isaa beeksisuun ni yaadatama.

Finfinneetti namoonni weerara kanaan qabamanii mana yaalaatti  yaalaa jiran akka TOItti himanitti, mallattoon dhukkuba utaalloo kun kan kanaan dura barame irraa adda ta’uu himaniiru.

Dhukkubni kun yeroo jalqabu baay'ee kan nama haxxifachiisuu, mataa dhukkubbii, dhukkubbii buusaawwan lafee, dhukkubbii qoonqoo gogora illee liqimsuu nama dadhabsiisuu qaba jedhaniiru.
No
 
Dhimma kana irratti TOI ogeeyyii fayyaa dubbiseera. Akka isaan himanitti Utaalloo fi weerara kana fakkaatan kan yeroo ammaa bakka baay'eetti mudate harka dhiqachuun,  haguugduu afaanii fi funyaaniin fayyadamuun ittisuun ni danda'ama jedhaniiru.

Ogeeyyoonni kunneen akka himanitti lakkoofsi namoota utaalloon qabamanii gara dhaabbilee fayyaa dhufanii yeroo gara yerootti dabalaa jira.

Kanneen gara dhaabbilee fayyaa dhufaniif
 Tajaajilli yaalaa gahumsa qabu kennamaa jiraachuu eeruun hawaasni of eeggannoo barbaachisu akka godhu hubachiisaniiru.

Ogeettiin kunneen akka himanitti fayyaa dhukkubsatoonni dhukkuba Utaalloofi kanneen kana fakkaataniin qabamaa yeroo dhihoo as gara mana yaalaa dhufan mataa dhukkubbii cimaa, ho’a qaamaa, qorra, haxxiffannaa fi qufaa cimaatu isaa mudachaa jira jedhaniiru.
 
Hawaasni dhibee akkanaa yommuu argu gara dhaabbata fayyaa deemuun dhibeen kun namoota birootti akka hin babal’anne gochuu akka qabus hubachiisaniiru.

 Hawaasni saaxilamummaa dhibee kanaa hir'isuuf  of eeggannoo barbaachisu gochuu qabas jedhaniiru.

Namoonni dhibee kanaan qabaman boqonnaa gahaa fudhachuun, dhangala’oo fi nyaata ho'aa fayyadamuu fi yaala barbaachisaa ta’e argachuun tamsa’ina dhibee kanaa ittisuuf of eeggannoo barbaachisu gochuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015