Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti qonna gannaa dhufuun oomishoota qonnaa wabii nyaataa mirkaneessaniif xiyyeeffannoon addaa kennameera-Biiroo qonnaa naannichaa

Caamsaa 9/2015(TOI)- Naannoo Oromiyaatti qonna gannaa dhufu Qamadii bal’inaan oomishamaa jiruun alatti oomishoota qonnaa wabii nyaataa mirkaneessan kanneen biroof xiyyeeffannoo kennuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Ganna kana dhufuuf lafti heektaarri miiliyoona 7 tuqaa 4 kan facaafamu yemmuu tahu, kana keessaa heektaarri miilioyoona 2 tuqaa 2 qamadii kan faca’u tahuun ibsameera.

Itti gaafatamaan biiroo qonnaa Oromiyaa TOI’f akka himanitti, naannoon Oromiyaa qamadii, Garbuu, boqqoolloo, ruuzii, midhaan zayitaa fi buna dabalatee oomishoota kuduraa fi muduraa addaddaa bal’inaan oomishuuf carraa qaba.

Haala Kanaan misooma qonnaa guddisuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aaleen jajjabeessoon galmaa’aniiru.

Qonnaan bulaan rooba qofa eegee oomishuurraa bahee filmaatota jiranitti akka fayyadamu taasisuurrattis akkasuma.

Oomishoonni kanneen akka qamadii waggaa guutuu oomishuun wan danda’amuuf qamadiin bonaa fi ganna oomishamaa akka ture kaasaniiru.

Qamadii barana bal’inaan oomishamaa ture malees oomishoota wabii nyaataa mirkaneessan kanneen akka garbuu, boqqoolloo fi ruuziif xiyyeeffannoon kennamuu eeraniiru.

Waggaa darbe naannichatti lafti heektaarri miiliyoona 1 fi 744 qamadiin faca’uusaa eeranii, qonna gannaa baranaatiin heektaara miiliyoona 2 tuqaa 2tti guddisuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Kanaafis hojiileen dhiheessiin galtee qonnaa, qophiin lafaa fi dandeettii ogeessotaa cimsuun hojjetamuusaanii dubbataniiru.

Kanaaf qonna gannaa baranaatiin lafa heektaara miiliyoona 7 tuqaa 4 facaasuuf karoorfamuu karoorfamuu eeranii, kana keessaa heektaara miiliyoona 2 tuqaa 2 kan tahu oomisha qamadiif qophaa’eera jedhan.

Oomishoota barana xiyyeeffannoon kennameef keessaa Ruuziin isa tokko tahuu itti gaafatamaan kun ibsaniiru.

Kanaan dura ruuzii bal’inaan oomishuurratti hanqinni akka jiru kaasanii, waggaa lama dura lafti heektaarri kuma 15 qofti misooma ruuziif akka oolu yaadachiisaniiru.

Waggaa darbe ruuziin lafa heektaara kuma 100 irra facaafamuu eeranii, bara kana lafti heektaara miiliyoona 1 misooma ruuziif qophaa’uu ibsaniiru.

Boqqoolloon oomishoota wabii nyaataa mirkaneessuuf oolan keessaa tokko akka ta’e ibsanii, oomisha Boqqoolloof lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 7 qophaa’ee facaafamaa jira jedhan.

Kana malees oomisha garbuutiin bu’aan gaariin argamuusaa ibsanii, haala Kanaan waggaa lamaa asitti garbuun biiraa biyya alaarraa galu guutumaan guutuutti dhaabachuusaa yaadachiisaniiru.

Garbuu biiraa biyya alaatti erguuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsanii, qonna gannaa baranaatiin misooma garbuuf lafti heektaara kuma 250 qophaa’eera jedhan.

Wlumaa gala naannichi qonna gannaaf qophii gahaa taasisuu himanii, kana cinaattis hojiileen misooma kuduraa fi muduraa cimanii itti fufu jedhan.

Misooma kanaaf xaa’oon kuntaala miiliyoona 9 akka barbaachisu eeranii, naannichi amma ammaatti xaa’oon kuntaala miiliyoona 3 tuqaa 5 fudhachuusaa ibsaniiru.

Xaa’oon kunis godinoota dursi kennamuuf raabsamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015