Hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuuf fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu himame

141

Bitootessa 16/2015(TO)- Qaawwaa Diinagdee Gooroo Itoophiyaa dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa daran guddisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu Ministirri  Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Guddina diinagdee Itoophiyaa itti fufsiisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee haaraan waan barbaachiseef fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaa taasisuuf qophiin xumuramuu TOI’tti himaniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee kun hojii deebisanii dhaabuu saffisiisuufi qaawwaa diinagdee gooroo dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Sababoota keessoofi alaan dhiibbaa diinagdeerratti uumame hir’isuuf kan gargaaru ta’uus addeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015